LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Daaniʼel 9:26
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 26 “Torban 62 booda Masiihiichi ni ajjeefama;+ wanti isaaf hafus hin jiraatu.+

      “Namoonni geggeessaa isa dhufu sanaas magaalattii fi iddoo qulqulluu sana ni balleessu.+ Dhumni isaas lolaadhaan ni taʼa. Hamma dhumaatti waraanni ni jiraata; wanti irratti murteeffames badiisa dha.+

  • Maatewos 27:26
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 26 Sana booda, Barbaaniin isaaniif hiike; Yesuusiin garuu erga garafsiisee+ booda muka irratti akka fannifamu dabarsee isa kenne.+

  • Maatewos 27:31
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 31 Dhuma irrattis erga itti qoosanii booda, uffaticha irraa baasanii uffata isaa isa inni irraan uffatu deebisanii itti uwwisuudhaan muka irratti akka fannifamuuf+ fuudhanii deeman.

  • Maarqos 15:15
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 15 Yeroo kanatti Philaaxos, uummaticha gammachiisuu barbaadee Barbaaniin isaaniif hiike; Yesuusiin immoo erga garafsiisee+ booda muka irratti akka fannifamu dabarsee isa kenne.+

  • Luqaas 23:24, 25
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 24 Kanaafuu, Philaaxos wanti isaan gaafatan akka raawwatamu murteesse. 25 Namicha isaan gaafatan, jechuunis nama mootummaa irratti fincila kakaasuudhaan, akkasumas sababii ajjeechaatiin mana hidhaa gale sana gadhiisee, Yesuusiin immoo wanta barbaadan akka irratti raawwataniif dabarsee isaanitti kenne.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi