-
Maatewos 12:9-14Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
9 Yesuus bakka sanaa deemee mana sagadaa isaanii keessa seene; 10 kunoo, namni harki isaa lamshaaʼe tokko achi jira ture!+ Kanaafuu, isaan wanta ittiin isa himatan argachuuf, “Guyyaa Sanbataatti fayyisuun seeraan heyyamameeraa?” jedhanii isa gaafatan.+ 11 Innis akkana isaaniin jedhe: “Hoolaa tokko yoo qabaattanii fi hoolaan keessan sun guyyaa Sanbataatti boolla keessa yoo buute, isin keessaa namni harkisee achi keessaa hin baasne jiraa?+ 12 Maarree namni hoolaa caalaa gatii guddaa hin qabuu? Kanaafuu, guyyaa Sanbataatti wanta gaarii gochuun seeraan heyyamameera.” 13 Achiis namichaan, “Harka kee diriirsi” jedhe. Namichis harka isaa diriirse; harki isaa sunis deebiʼee fayyee akkuma harka isaa isa tokkoo taʼe. 14 Fariisonni garuu gad baʼanii isa ajjeesuuf mariʼatan.
-
-
Luqaas 6:6-11Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
6 Guyyaa sanbataa+ kan biraattis gara mana sagadaa seenee barsiisuu jalqabe. Namni harki isaa mirgaa lamshaaʼe tokko achi jira ture.+ 7 Barsiisonni seeraa fi Fariisonni karaa itti isa himatan argachuuf, Yesuus guyyaa Sanbataatti kan fayyisu taʼuu fi dhiisuu isaa xiyyeeffannaadhaan hordofu turan. 8 Inni garuu yaada isaanii hubatee,+ namicha harki isaa lamshaaʼe sanaan, “Kaʼiitii gidduu dhaabbadhu” jedhe. Namichis kaʼee achi dhaabbate. 9 Achiis Yesuus, “Mee waan tokkon isin gaafadha, Guyyaa Sanbataatti wanta gaarii gochuu moo wanta hamaa gochuu, lubbuu fayyisuu moo ajjeesuutu heyyamama?”+ isaaniin jedhe. 10 Warra naannoo isaa jiran hunda erga ilaalee booda namichaan, “Harka kee diriirsi” jedhe. Namichis harka isaa diriirse; harki isaas deebiʼee fayye. 11 Isaan garuu baayʼee aaranii maal isa gochuu akka dandaʼan waliin mariʼachuu jalqaban.
-