LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Maatewos 12:9-14
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 9 Yesuus bakka sanaa deemee mana sagadaa isaanii keessa seene; 10 kunoo, namni harki isaa lamshaaʼe tokko achi jira ture!+ Kanaafuu, isaan wanta ittiin isa himatan argachuuf, “Guyyaa Sanbataatti fayyisuun seeraan heyyamameeraa?” jedhanii isa gaafatan.+ 11 Innis akkana isaaniin jedhe: “Hoolaa tokko yoo qabaattanii fi hoolaan keessan sun guyyaa Sanbataatti boolla keessa yoo buute, isin keessaa namni harkisee achi keessaa hin baasne jiraa?+ 12 Maarree namni hoolaa caalaa gatii guddaa hin qabuu? Kanaafuu, guyyaa Sanbataatti wanta gaarii gochuun seeraan heyyamameera.” 13 Achiis namichaan, “Harka kee diriirsi” jedhe. Namichis harka isaa diriirse; harki isaa sunis deebiʼee fayyee akkuma harka isaa isa tokkoo taʼe. 14 Fariisonni garuu gad baʼanii isa ajjeesuuf mariʼatan.

  • Maarqos 3:1-6
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 3 Yesuus ammas mana sagadaatti kan seene yeroo taʼu, namichi harki isaa lamshaaʼe tokko achi ture.+ 2 Kanaafuu, isaan Yesuus irratti himata dhiheessuuf jedhanii guyyaa Sanbataatti namicha kan fayyisu taʼuu fi dhiisuu isaa xiyyeeffannaadhaan hordofu turan. 3 Innis namicha harki isaa lamshaaʼe sanaan, “Kaʼiitii gara gidduutti kottu” jedhe. 4 Achiis, “Guyyaa Sanbataatti wanta gaarii gochuu moo wanta hamaa gochuu, lubbuu fayyisuu moo ajjeesuutu heyyamama?”+ isaaniin jedhe. Isaan garuu ni callisan. 5 Mata jabina isaaniitti+ baayʼee gaddee aariidhaan warra naannoo isaa jiran erga ilaalee booda, namichaan, “Harka kee diriirsi” jedhe. Namichis harka isaa diriirse; harki isaas deebiʼee fayye. 6 Fariisonni yeruma sana gad baʼanii, isa ajjeesuuf hordoftoota Heroodisii+ wajjin isa irratti mariʼachuu jalqaban.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi