LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Maarqos 3:1-6
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 3 Yesuus ammas mana sagadaatti kan seene yeroo taʼu, namichi harki isaa lamshaaʼe tokko achi ture.+ 2 Kanaafuu, isaan Yesuus irratti himata dhiheessuuf jedhanii guyyaa Sanbataatti namicha kan fayyisu taʼuu fi dhiisuu isaa xiyyeeffannaadhaan hordofu turan. 3 Innis namicha harki isaa lamshaaʼe sanaan, “Kaʼiitii gara gidduutti kottu” jedhe. 4 Achiis, “Guyyaa Sanbataatti wanta gaarii gochuu moo wanta hamaa gochuu, lubbuu fayyisuu moo ajjeesuutu heyyamama?”+ isaaniin jedhe. Isaan garuu ni callisan. 5 Mata jabina isaaniitti+ baayʼee gaddee aariidhaan warra naannoo isaa jiran erga ilaalee booda, namichaan, “Harka kee diriirsi” jedhe. Namichis harka isaa diriirse; harki isaas deebiʼee fayye. 6 Fariisonni yeruma sana gad baʼanii, isa ajjeesuuf hordoftoota Heroodisii+ wajjin isa irratti mariʼachuu jalqaban.

  • Luqaas 6:6-11
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 6 Guyyaa sanbataa+ kan biraattis gara mana sagadaa seenee barsiisuu jalqabe. Namni harki isaa mirgaa lamshaaʼe tokko achi jira ture.+ 7 Barsiisonni seeraa fi Fariisonni karaa itti isa himatan argachuuf, Yesuus guyyaa Sanbataatti kan fayyisu taʼuu fi dhiisuu isaa xiyyeeffannaadhaan hordofu turan. 8 Inni garuu yaada isaanii hubatee,+ namicha harki isaa lamshaaʼe sanaan, “Kaʼiitii gidduu dhaabbadhu” jedhe. Namichis kaʼee achi dhaabbate. 9 Achiis Yesuus, “Mee waan tokkon isin gaafadha, Guyyaa Sanbataatti wanta gaarii gochuu moo wanta hamaa gochuu, lubbuu fayyisuu moo ajjeesuutu heyyamama?”+ isaaniin jedhe. 10 Warra naannoo isaa jiran hunda erga ilaalee booda namichaan, “Harka kee diriirsi” jedhe. Namichis harka isaa diriirse; harki isaas deebiʼee fayye. 11 Isaan garuu baayʼee aaranii maal isa gochuu akka dandaʼan waliin mariʼachuu jalqaban.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi