-
Maatewos 4:1-4Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
4 Sana booda Yesuus Diyaabilos akka isa qoruuf+ hafuurri gara lafa onaatti isa geesse.+ 2 Inni guyyaa 40 fi halkan 40 erga soomee booda ni beelaʼe. 3 Diyaabilosis isa qoruuf+ itti dhihaatee, “Ilma Waaqayyoo yoo taate, dhagoonni kun daabboo akka taʼan ajaji” isaan jedhe. 4 Inni garuu, “‘Namni dubbii afaan Yihowaa* keessaa baʼu hundumaatiin malee, nyaata qofaan jiraachuu hin dandaʼu’+ kan jedhu barreeffameera” jedhee deebise.
-