LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Maatewos 4:1-10
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 4 Sana booda Yesuus Diyaabilos akka isa qoruuf+ hafuurri gara lafa onaatti isa geesse.+ 2 Inni guyyaa 40 fi halkan 40 erga soomee booda ni beelaʼe. 3 Diyaabilosis isa qoruuf+ itti dhihaatee, “Ilma Waaqayyoo yoo taate, dhagoonni kun daabboo akka taʼan ajaji” isaan jedhe. 4 Inni garuu, “‘Namni dubbii afaan Yihowaa* keessaa baʼu hundumaatiin malee, nyaata qofaan jiraachuu hin dandaʼu’+ kan jedhu barreeffameera” jedhee deebise.

      5 Achiis Diyaabilos gara magaalaa qulqulluutti+ isa geessee fiixee gamoo mana qulqullummaa irra isa dhaabbachiisee+ 6 akkana isaan jedhe: “Ilma Waaqayyoo yoo taate mee gad of darbadhu; sababiin isaas, ‘Inni maleekota isaa siif ni ajaja’ akkasumas, ‘Miilli kee dhagaatti akka hin rukutamneef isaan harka isaaniitti si baatu’+ jedhamee barreeffameera.” 7 Yesuusis deebisee, “‘Waaqa kee Yihowaa* hin qorin’+ kan jedhus barreeffameera” isaan jedhe.

      8 Ammas Diyaabilos gaara baayʼee dheeraa tokko irra ol isa baasee mootummoota addunyaa hundumaa fi ulfina isaanii isatti argisiise.+ 9 Achiis, “Siʼa tokko qofa jilbeenfattee yoo na waaqeffatte wantoota kana hundumaa siif nan kenna” isaan jedhe. 10 Yeroo kanatti Yesuus, “Seexana nana, na duraa deemi! ‘Waaqa kee Yihowaa* waaqeffadhu;+ isa qofaaf tajaajila qulqulluu dhiheessi’+ kan jedhu barreeffameera” isaan jedhe.

  • Luqaas 4:1-13
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 4 Sana booda Yesuus hafuura qulqulluudhaan guutamee Yordaanosii kan deebiʼe yeroo taʼu, lafa onaa keessattis hafuuraan geggeeffamaa+ 2 guyyaa 40f achi ture; yeroo kanattis Diyaabilosiin ni qorame.+ Guyyoota kanatti wanta tokko illee waan hin nyaanneef, guyyoonni kun yeroo xumuraman ni beelaʼe. 3 Yeroo kanatti Diyaabilos, “Ilma Waaqayyoo yoo taate, dhagaan kun daabboo akka taʼu ajaji” isaan jedhe. 4 Yesuus garuu, “‘Namni nyaata qofaan jiraachuu hin dandaʼu’ kan jedhu barreeffameera”+ jedhee isaaf deebise.

      5 Kanaafuu, Diyaabilos gaara tokkotti ol isa baasee liphsuu ijaa gidduutti mootummoota addunyaa hundumaa isatti argisiise.+ 6 Achiis akkana isaan jedhe: “Aangoo kana hundumaa fi ulfina isaanii siif nan kenna; sababiin isaas, wantoonni kun anaaf kennamaniiru;+ anis abbaan barbaadeef nan kenna. 7 Kanaafuu, siʼa tokko qofa jilbeenfattee yoo na waaqeffatte wantoonni kun hundi kan kee taʼu.” 8 Yesuusis deebisee, “‘Waaqa kee Yihowaa* waaqeffadhu; isa qofaaf tajaajila qulqulluu dhiheessi’+ kan jedhu barreeffameera” isaan jedhe.

      9 Achiis gara Yerusaalemitti isa geessee fiixee* gamoo mana qulqullummaa irra isa dhaabbachiisee akkana isaan jedhe: “Ilma Waaqayyoo yoo taate mee as irraa gad of darbadhu;+ 10 sababiin isaas, akkana jedhamee barreeffameera: ‘Akka si eeganiif, inni maleekota isaa siif ni ajaja,’ 11 akkasumas, ‘Miilli kee dhagaatti akka hin rukutamneef isaan harka isaaniitti si baatu.’”+ 12 Yesuusis deebisee, “‘Waaqa kee Yihowaa* hin qorin’+ jedhameera” isaan jedhe. 13 Diyaabilosis qorumsicha hunda erga xumuree booda, hanga yeroo mijaaʼaa kan biraa argatutti isa dhiisee deeme.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi