LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Maarqos 1:23-25
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 23 Yeroo kanatti namni hafuura xuraaʼaadhaan qabame tokko mana sagadaa isaanii keessa jira ture; inni akkana jedhee iyye: 24 “Yaa Yesuus nama Naazireet, nuyii fi ati maal wal irraa qabna?+ Nu balleessuu dhuftee? Ati Qulqullicha Isa Kan Waaqayyoo taʼuu kee sirriittan beeka!”+ 25 Yesuus garuu, “Cal jedhi, isa keessaas baʼi!” jedhee isa ifate.

  • Maarqos 3:11, 12
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 11 Hafuuronni xuraaʼoon+ illee, yommuu isa argan hundatti isa duratti kufanii, “Ati Ilma Waaqayyoo ti” jedhanii iyyu turan.+ 12 Haa taʼu malee, inni eenyummaa isaa akka hin beeksisne yeroo baayʼee cimsee isaan ajaja ture.+

  • Luqaas 4:33-35
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 33 Yeroo kanatti namni hafuura xuraaʼaadhaan qabame tokko mana sagadaa sana keessa jira ture; inni sagalee guddaadhaan akkana jedhee iyye:+ 34 “Yaa Yesuus nama Naazireet,+ nuyii fi ati maal wal irraa qabna? Nu balleessuu dhuftee? Ati Qulqullicha Isa Kan Waaqayyoo taʼuu kee sirriittan beeka.”+ 35 Yesuus garuu, “Cal jedhi, isa keessaas baʼi” jedhee isa ifate. Kanaafuu, jinniin sun namicha gidduu isaaniitti kuffisee utuu isa hin miidhin isa keessaa baʼe.

  • Hojii Ergamootaa 16:17, 18
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 17 Intalli tun Phaawulosii fi nu duukaa buutee, “Namoonni kun garboota Waaqa Hundaa Olii+ warra daandii fayyinaa isiniif labsani dha” jettee iyyiti turte. 18 Ishiin guyyoota hedduudhaaf akkasuma gochaa turte. Dhuma irrattis Phaawulos waan nuffeef duubatti garagalee hafuurichaan, “Maqaa Yesuus Kiristoosiin ishii keessaa akka baatu sin ajaja” jedhe. Hafuurichis yeruma sana ishii keessaa baʼe.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi