LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Baʼuu 32:32
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 32 Taʼus amma fedhii kee yoo taʼe, cubbuu isaanii isaaniif dhiisi;+ taʼuu baannaan garuu, maaloo kitaaba kee isa barreessite irraa na haqi.”+

  • Daaniʼel 12:1
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 12 “Yeroo sanatti bulchaa guddicha+ kan taʼe Mikaaʼel*+ inni saba keetiif* dhaabbatu ni kaʼa. Yeroon dhiphinaa erga sabni hundeeffamee kaasee hamma yeroo sanaatti taʼee hin beekne ni taʼa. Yeroo sanatti sabni kee, jechuunis namni kitaabicha keessatti galmeeffame+ hundi ni oola.+

  • Filiphisiyus 4:3
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 3 Eeyyee, atis inni amanamummaadhaan anaa wajjin hojjettu,* dubartoota kana gargaaruu kee akka itti fuftu sin gaafadha. Isaan Qaleeminxoosii fi warra kaanii wajjin misiraachichaaf anaa wajjin carraaqaniiru;* maqaan hunda isaanii kitaaba jireenyaa keessatti barreeffameera.+

  • Mulʼata 3:5
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 5 Inni injifatu+ uffata adii ni uffata,+ anis matumaa maqaa isaa kitaaba jireenyaa keessaa hin haqu;+ kanaa mannaa, Abbaa koo fi maleekota isaa duratti maqaa isaatiif beekamtii nan kenna.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi