-
Maarqos 6:14Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
14 Yeroo kanatti maqaan Yesuus balʼinaan beekamee waan tureef, Heroodis Mootichi waaʼee kanaa ni dhagaʼe; namoonnis, “Yohaannis Cuuphaan duʼaa kaʼeera; dinqiiwwan kana hojjechaa kan jiru kanaafi”+ jedhu turan.
-
-
Luqaas 9:7-9Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
7 Heroodis* bulchaan koonyaa* waaʼee wantoota raawwatamaa jiran hundumaa ni dhagaʼe; namoonni tokko tokko Yohaannis duʼaa akka kaʼe dubbachaa waan turaniif akka malee burjaajaʼe;+ 8 warri kaan garuu, Eeliyaas akka mulʼate dubbatu; kaan immoo, raajota durii keessaa inni tokko akka kaʼe dubbatu turan.+ 9 Heroodisis, “Ani Yohaannisiin morma isaa isa irraa kuchisiiseera.+ Maarree namni ani waaʼee isaa wantoota akkanaa dhagaʼu kun eenyu?” jedhe. Kanaan kan kaʼes, inni isa arguu barbaada ture.+
-