LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Isaayyaas 26:19
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 19 “Namoonni kee warri duʼan deebiʼanii ni jiraatu.

      Reeffawwan koos ni kaʼu.*+

      Isin warri biyyoo keessa jiraattan,+

      Dammaqaa, ililchaas!

      Sababiin isaas, fixeensi kee akkuma fixeensa ganamaa ti,*

      Laftis warri duʼaan moʼaman gara jireenyaatti akka deebiʼan ni gooti.*

  • Yohaannis 5:28, 29
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 28 Kana hin dinqisiifatinaa; sababiin isaas, saʼaatiin warri awwaala yaadannoo keessa jiran hundi sagalee isaa itti dhagaʼan ni dhufa;+ 29 warri wanta gaarii hojjetan duʼaa kaʼuu jireenyaatiif, warri wanta hamaa hojjetan immoo duʼaa kaʼuu murtiitiif awwaala keessaa ni baʼu.+

  • Hojii Ergamootaa 24:15
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 15 Akkasumas, akkuma namoonni kun abdatan, qajeelonnis taʼan jalʼoonni+ duʼaa akka kaafaman Waaqayyoon nan abdadha.+

  • Ibroota 11:35
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 35 Dubartoonni, namoota isaan jalaa duʼan duʼaa kaafamanii argataniiru;+ dhiironni kaan garuu duʼaa kaʼuu isa caalu argachuuf jecha, furiidhaan gadhiifamuu didanii dhiphifamaniiru.

  • Mulʼata 20:12
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 12 Warri duʼan, warri xixinnaanii fi warri guguddaan teessoo sana dura dhaabbatanii nan arge; maraawwan kitaabaas ni banaman. Taʼus, maraan kitaabaa kan biraan ni baname, innis kitaaba jireenyaa ti.+ Warri duʼanis akkuma maraa kitaabaa sana keessatti barreeffametti akka hojii hojii isaaniitti murtiin isaaniif kenname.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi