LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Isaayyaas 25:8
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  8 Inni bara baraaf duʼa ni liqimsa,*+

      Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan fuula hundumaa irraa imimmaan ni haqa.+

      Guutummaa lafaa irraa arrabsoo saba isaa irra jiru ni balleessa,

      Yihowaan kana dubbateera.

  • Hoseʼaa 13:14
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 14 Ani humna Awwaalaa* jalaa isaan nan baasa;

      Duʼa jalaas isaan nan fura.+

      Yaa Duʼaa, ilkeen kee meerre?+

      Yaa Awwaalaa, badiisni ati geessistu meerre?+

      Gara laafinni ija koo duraa ni dhokata.

  • Maarqos 12:26
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 26 Duʼaa kaʼuu warra duʼanii ilaalchisee garuu kitaaba Musee keessaa, seenaa waaʼee harangamaa bobaʼuu dubbatu irratti Waaqayyo, ‘Ani Waaqa Abrahaam, Waaqa Yisihaaqii fi Waaqa Yaaqoobi’+ akka isaan jedhe hin dubbisnee?

  • Yohaannis 5:28, 29
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 28 Kana hin dinqisiifatinaa; sababiin isaas, saʼaatiin warri awwaala yaadannoo keessa jiran hundi sagalee isaa itti dhagaʼan ni dhufa;+ 29 warri wanta gaarii hojjetan duʼaa kaʼuu jireenyaatiif, warri wanta hamaa hojjetan immoo duʼaa kaʼuu murtiitiif awwaala keessaa ni baʼu.+

  • Yohaannis 11:24, 25
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 24 Maartaanis, “Guyyaa dhumaatti, yeroo duʼaa kaʼuutti akka inni kaʼu beeka”+ isaan jette. 25 Yesuusis akkana ishiidhaan jedhe: “Duʼaa kaʼuu fi jireenyi ana.+ Namni anatti amanu yoo duʼe illee deebiʼee ni jiraata;

  • Hojii Ergamootaa 24:15
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 15 Akkasumas, akkuma namoonni kun abdatan, qajeelonnis taʼan jalʼoonni+ duʼaa akka kaafaman Waaqayyoon nan abdadha.+

  • 1 Qorontos 15:21
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 21 Sababiin isaas, akkuma duuti karaa nama tokkoo dhufe,+ duʼaa kaʼuun warra duʼaniis karaa nama tokkoo dhufa.+

  • 1 Tasalonqee 4:14
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 14 Yesuus akka duʼee fi duʼaa akka kaʼe+ amantii yoo qabaanne, Waaqayyo warri Yesuusii wajjin tokkummaa qabaatanii duʼan* isaa wajjin akka taʼaniif gara jireenyaatti isaan ni fida.+

  • Mulʼata 20:12, 13
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 12 Warri duʼan, warri xixinnaanii fi warri guguddaan teessoo sana dura dhaabbatanii nan arge; maraawwan kitaabaas ni banaman. Taʼus, maraan kitaabaa kan biraan ni baname, innis kitaaba jireenyaa ti.+ Warri duʼanis akkuma maraa kitaabaa sana keessatti barreeffametti akka hojii hojii isaaniitti murtiin isaaniif kenname.+ 13 Galaanni, warra duʼanii isa keessa jiran ni kenne; duutii fi Awwaallis* warra duʼanii isaan keessa jiran ni kennan; isaanis dhuunfaatti akka hojii hojii isaaniitti murtiin isaaniif kenname.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi