-
Hojii Ergamootaa 22:4Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
4 Dhiirotaa fi dubartoota hidhee mana hidhaatti dabarsee kennuudhaan, namoota Daandii kana hordofan hanga duʼaatti ariʼadheera;+
-
-
Hojii Ergamootaa 26:10, 11Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
10 Wantin Yerusaalem keessatti godhes kanuma ture; dura buutota lubootaa irraa aangoo fudhadhee,+ qulqulloota hedduu mana hidhaatti galcheera;+ yommuu isaan ajjeefamuuf jedhanittis yaada kana deggereera. 11 Yeroo baayʼee mana sagadaa hunda keessatti isaan adabuudhaan, amantii isaanii akka ganan dirqisiisuuf yaaleera; akka malee waanan isaanitti aareefis magaalota kan biroo keessatti illee ariʼatama isaan irra geessiseera.
-
-
1 Ximotewos 1:12, 13Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
12 Tajaajilaaf na muuduudhaan amanamaa akkan taʼetti waan na lakkaaʼeef,+ Gooftaa keenya Kiristoos Yesuus isa humna naa kenne nan galateeffadha; 13 ani kanaan dura Waaqayyoon arrabsaa, saba isaa ariʼachaa fi of tuulaa kanan ture taʼus,+ inni kana naaf godheera. Taʼus, kana kanan godhe wallaalummaa fi amantii dhabuudhaan waan taʼeef gara laafina natti argisiiseera.
-