LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Hojii Ergamootaa 8:3
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 3 Saaʼol garuu gumicha balleessuuf yaalii gochuu jalqabe. Mana tokkoo gara mana isa kan biraa dhaqee dhiirotas taʼan dubartoota harkisee baasuudhaan mana hidhaatti galcha ture.+

  • Hojii Ergamootaa 9:1, 2
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 9 Saaʼol garuu barattoota Gooftaa rakkisuu fi isaan ajjeesuuf dhaadachaa+ gara luba ol aanaa dhaqe; 2 achiis dhiirotas taʼan dubartoota nama Daandii Gooftaa hordofu kam iyyuu yoo argate, hidhee gara Yerusaalemitti fiduu akka dandaʼuuf manneen sagadaa Damaasqoo jiranitti xalayaan akka isaaf barreeffamu gaafate.+

  • Galaatiyaa 1:13
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 13 Ani dur amantii Yihudii+ keessatti akkamitti akkan jiraadhe, jechuunis gumii Waaqayyoo baayʼee* ariʼachaa fi miidhaa guddaa irraan gaʼaa akkan ture dhageessaniittu;+

  • Filiphisiyus 3:5, 6
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 5 guyyaa saddeettaffaattan dhaqna qabadhe;+ saba Israaʼel irraa, gosa Biiniyaam keessaan dhaladhe; ani Ibricha Ibroota irraa dhalate dha;+ seera ilaalchisee immoo Fariisicha dha;+ 6 hinaaffaa ilaalchisee, gumicha ariʼachaan ture;+ qajeelummaa seera irratti hundaaʼe ilaalchisee immoo, hirʼina akkan hin qabne mirkaneesseen ture.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi