19 Kanaafuu, dhaqaatii saboota hundumaa keessaa+ namoota barattoota koo godhaa; maqaa Abbaatiin, maqaa Ilmaa fi maqaa hafuura qulqulluutiin isaan cuuphaa;+ 20 wanta ani isin ajaje+ hunda akka eeganis isaan barsiisaa. Kunoo, ani hanga dhuma sirna kanaatti+ guyyaa hundumaa isinii wajjinan jira.”