-
Roomaa 5:3-5Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
3 Kana qofa utuu hin taʼin, utuma rakkinni nu irra gaʼaa jiruus haa gammannu;*+ sababiin isaas, rakkinni jabaatanii dhaabbachuu akka argamsiisu beekna;+ 4 jabaatanii dhaabbachuun immoo ejjennoo fudhatama qabu argamsiisa;+ ejjennoon fudhatama qabu immoo abdii argamsiisa;+ 5 abdichis nama hin qaanessu;+ sababiin isaas, jaalalli Waaqayyoo karaa hafuura qulqulluu isa nuu kenname sanaa garaa keenya keessatti dhangalaʼeera.+
-