-
2 Ximotewos 2:24, 25Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
24 Sababiin isaas, garbichi Gooftaa nama loluu hin qabu; kanaa mannaa, namoota hundumaatiif garraamii* kan taʼe,+ barsiisuuf gaʼumsa kan qabuu fi yeroo jalʼinni isa irratti raawwatamu kan of toʼatu taʼuu qaba;+ 25 akkasumas warra ilaalcha sirrii hin qabne garraamummaadhaan kan gorsu taʼuu qaba.+ Tarii Waaqayyo beekumsa dhugaa isa sirrii akka argataniif+ yaada akka geddaratan carraa isaaniif ni kenna taʼa;
-
-
Tiitoo 3:1, 2Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
3 Mootummootaa fi abbootii taayitaatiif+ akka bitamanii fi akka ajajaman, akkasumas hojii gaarii hundumaatiif kan qophaaʼan akka taʼan isaan yaadachiisuu kee itti fufi; 2 kana malees, maqaa namootaa kan hin balleessine, lola kan hin jaallannee fi yaada ofiitti kan hin cichine,+ akkasumas namoota hundatti garraamummaa hundumaa kan argisiisan akka taʼan isaan yaadachiisi.+
-