LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Fakkeenya 15:1
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 15 Deebii laafaan* aarii qabbaneessa,+

      Dubbii hamaan* garuu aarii kakaasa.+

  • Galaatiyaa 6:1
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 6 Yaa obbolootaa, namni tokko utuu hin beekin tarkaanfii dogoggoraa yoo fudhate, isin warri karaa hafuuraa gaʼumsa qabdan nama akkasii hafuura garraamummaatiin sirreessuuf yaalii godhaa.+ Haa taʼu malee, yeroo kanatti atis ofii keetii akka hin qoramne of eeggadhu.+

  • Efesoon 4:1, 2
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 4 Kanaafuu, ani inni Gooftaadhaaf jedhee hidhamee jiru,+ waamicha isa waamamtanii wajjin haala wal simuun akka deddeebitan+ isinan kadhadha; 2 yeroo hundumaa gad of qabuu+ fi garraamummaadhaan jiraadhaa; obsa qabaadhaa,+ akkasumas jaalalaan wal dandaʼaa;+

  • 1 Ximotewos 6:11
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 11 Yaa nama Waaqayyoo, ati garuu wantoota kana irraa baqadhu. Kanaa mannaa qajeelummaa, Waaqayyoof buluu, amantii, jaalala, jabaatanii dhaabbachuu fi garraamummaa+ hordofi.

  • 2 Ximotewos 2:24, 25
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 24 Sababiin isaas, garbichi Gooftaa nama loluu hin qabu; kanaa mannaa, namoota hundumaatiif garraamii* kan taʼe,+ barsiisuuf gaʼumsa kan qabuu fi yeroo jalʼinni isa irratti raawwatamu kan of toʼatu taʼuu qaba;+ 25 akkasumas warra ilaalcha sirrii hin qabne garraamummaadhaan kan gorsu taʼuu qaba.+ Tarii Waaqayyo beekumsa dhugaa isa sirrii akka argataniif+ yaada akka geddaratan carraa isaaniif ni kenna taʼa;

  • 1 Pheexiros 3:15
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 15 Kanaa mannaa, garaa keessan keessatti Kiristoosiif akka Gooftaatti ulfina kennaa; nama waaʼee abdii keessanii isin gaafatu hundumaaf deebii kennuuf yeroo hunda qophaaʼoo taʼaa; kana kan gootan garuu garraamummaa+ fi ulfina guddaadhaan haa taʼu.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi