-
Hisqiʼel 1:5-10Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
5 Isa keessas wantoonni uumamawwan jiraatoo+ afur fakkaatan jiru turan; bifti tokkoon tokkoon isaaniis bifa namaa fakkaata ture. 6 Tokkoon tokkoon isaanii fuula afur afurii fi qoochoo* afur afur qabu turan.+ 7 Miilli isaanii sorooroo ture; faanni miila isaanii kottee jabbii fakkaata ture; isaan akkuma ifa sibiila diimaa cululuqfameetti calaqqisu turan.+ 8 Kallattiiwwan arfaniin qoochoo isaanii jalaa harka namaa qabu turan; arfan isaanii fuulawwanii fi qoochoowwan qabu turan. 9 Qoochoowwan isaanii wal tuqu turan. Isaan yommuu deeman duubatti hin garagalan turan; tokkoon tokkoon isaanii kallattiidhaan fuulduratti deemu turan.+
10 Fuulli isaanii kana fakkaata ture: Arfan isaanii iyyuu karaa mirgaatiin fuula namaa fi fuula leencaa,+ karaa bitaatiin immoo fuula qotiyyoo+ qabu turan; arfan isaanii iyyuu fuula risaa+ qabu turan.+
-