Amoos
4 “Isin saawwan Baashaan,
Warri gaara Samaariyaa irra jirtan,+
Isin dubartoonni warri namoota rakkatoo cunqursitanii+ fi hiyyeeyyii caccabsitan,
Isin warri abbootii manaa* keessaniin, ‘Wanta dhugnu nuuf fidaa!’ jettan dubbii kana dhagaʼaa.
2 Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedhee qulqullummaa isaatiin kakateera:
‘“Kunoo, barri inni hookkoo foon itti rarraasaniin itti ol isin kaasu gaʼeera,
Warri haftan immoo hookkoo qurxummiitiin ol ni kaafamtu.
3 Tokkoon tokkoon keessan baqaqaa dallaa gidduu kallattiidhaan fuulduratti ni baatu;
Gara Harmoonittis ni darbatamtu” jedha Yihowaan.’
4 ‘Gara Beetel kottaatii balleessaa raawwadhaa,*+
Gara Gilgaal kottaatii caalaatti balleessaa raawwadhaa!+
5 Waaqayyoof galata dhiheessuuf daabboo bukaaʼaa aarsaa godhaatii gubaa;+
Sagalee keessan ol kaasaatii aarsaawwan fedhiidhaan dhiheessitan labsaa!
Sababiin isaas, yaa saba Israaʼel, isin akkana gochuu jaallattu’ jedha Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan.
6 ‘Ani immoo magaalota keessan hundumaa keessatti wanta afaaniin qabdan akka dhabdan,*
Manneen keessan hundumaa keessas beelli akka jiraatu godheera;+
Taʼus isin gara kootti hin deebine’+ jedha Yihowaan.
7 ‘Akkasumas, makarri gaʼuu isaa jiʼa sadii dura bokkaa isin nan dhowwadhe.+
Magaalaa tokko irratti akka roobu, magaalaa kan biraa irratti immoo akka hin roobne nan godhe.
Maasiin tokko bokkaa ni argate,
Maasiin inni bokkaa dhabe immoo ni goge.
8 Namoonni magaalota lama yookiin sadii keessa jiraatan bishaan dhuguuf gara magaalaa tokkootti ni tiratan,+
Garuu dheebuu hin baane;
Taʼus isin gara kootti hin deebine’+ jedha Yihowaan.
9 ‘Ani hoʼa waxaluu fi waagiidhaan isin nan rukute.+
Isin iddoowwan biqiltuu fi maasiiwwan wayinii ni baayʼifattan,
Haa taʼu malee, awwaannisni mukeetii harbuu fi mukeetii ejersaa* keessan ni nyaate;+
Taʼus isin amma iyyuu gara kootti hin deebine’+ jedha Yihowaan.
10 ‘Ani golfaa isa Gibxii rukutee turee wajjin wal fakkaatu isin gidduutti nan erge.+
Dargaggoota keessan goraadeedhaan nan ajjeese,+ fardeen keessanis nan boojiʼe.+
Ajaan buufata keessanii funyaan keessan bira akka gaʼu nan godhe;+
Taʼus isin gara kootti hin deebine’ jedha Yihowaan.
11 ‘Akkuma Waaqayyo Sodoomii fi Gomoraa garagalche,+
Biyya keessan nan garagalche.
Isin akkuma jirma ibidda keessaa butamee baafamee turtan;
Taʼus isin gara kootti hin deebine’+ jedha Yihowaan.
12 Kanaafuu, yaa Israaʼel, ani si irratti kana nan raawwadha.
Yaa Israaʼel, kana waanan si irratti raawwadhuuf,
Waaqa kee dura dhaabbachuuf qophaaʼi.