Iyyoob
23 Iyyoob akkana jedhee deebise:
2 “Ani harʼa iyyuu mata jabinaan komii nan dhiheessa;+
Aaduu koo irraa kan kaʼe humni koo dhumeera.
3 Maal taʼa Waaqayyo eessatti akka argamu utuun beekee!+
Silaa gara bakka jireenyaa isaa nan dhaqan ture.+
4 Dhimma koo isa duratti nan dhiheeffadha,
Afaan koos falmiidhaan nan guutan ture;
5 Akkamitti deebii akka naaf kennu nan bara,
Wanta inni naan jedhus nan hubadhan ture.
6 Inni humna isaa isa guddaatti fayyadamee anaan ni morkataa?
Matumaa, inni dhugumaan dhimma koo ni dhaggeeffata ture.+
7 Yeroo sanatti dhimmi nama qajeelaa Waaqayyo duratti furmaata argachuu dandaʼa,
Abbaa murtii koo birattis siʼa tokkicha yeroo hundumaatiif himata irraa walaba nan taʼan ture.
8 Taʼus gara bahaa yoon deeme, inni achi hin jiru;
Ergan deebiʼee boodas isa argachuu hin dandaʼu.
9 Yommuu inni gara bitaatiin hojjetutti, ani isa arguu hin dandaʼu;
Achiis gara mirgaatti ni garagala, ani garuu amma iyyuu isa arguu hin dandaʼu.
10 Haa taʼu malee, inni daandii ani qabadhe beeka.+
Erga inni na qoree booda, ani akka warqii qulqulluu taʼee nan baʼa.+
11 Miilli koo akka gaariitti faana isaa duukaa buʼeera;
Karaa irraa utuu hin gorin daandii isaa irra buʼuu koo itti fufeera.+
12 Ani ajajawwan inni kenne irraa hin gorre.
Hamma na irraa barbaadamu* caalaa illee dubbii isaatiif bakka guddaa kenneera.+
13 Inni yeroo kutatee kaʼu, eenyutu isa mormuu dandaʼa?+
Inni* wanta gochuu barbaadu ni raawwata.+
14 Sababiin isaas, inni wanta naaf murteeffame* guutummaatti ni raawwata,
Wantoota akkanaa hedduus naaf qopheesseera.
15 Sababa isaatiin kanan dhiphadhu kanaafi;
Yommuun waaʼee isaa yaadu sodaan koo ni dabala.
16 Waaqayyo akkan naʼu godheera,
Inni Hundumaa Dandaʼus akkan sodaadhu godheera.
17 Haa taʼu malee, dukkannis taʼe
Duumessi gurraachi fuula koo uwwise akkan callisu na hin goone.