Weedduu Weedduu caalu
Isa nan barbaade, garuu argachuu hin dandeenye.+
2 Ani kaʼee magaalattii keessa nan naannaʼe;
Daandiiwwanii fi addabaabayiiwwan irra
Isan jaalladhu* nan barbaada.
Isa nan barbaade, garuu argachuu hin dandeenye.
3 Waardiyyoonni naannaʼanii magaalattii eegan natti dhufan.+
Anis, ‘Isan jaalladhu* argitaniittuu?’ jedheen isaan gaafadhe.
4 Akkuman isaan bira darbeen
Isan jaalladhu* nan argadhe.
Isa nan qabadhe,
Gara mana hadhaa tiyyaatti,
Gara diinqa kan ishii garaatti na baatte sanaatti hamman isa galchutti gad isa hin dhiisne.+
5 Yaa ijoollee durbaa Yerusaalem,
Borofawwanii fi gadamsawwan dirreetiin isin nan kaksiisa:
Hamma ofii isaatiin kakaʼutti, na keessatti jaalala dammaqsuuf yookiin kakaasuuf hin yaalinaa.”+
6 “Wanti qumbii fi ixaana adii,
Akkasumas urgooftuuwwan daldaltootaa hundumaatiin urgeeffamee,+
Akka utubaa aaraatti lafa onaa keessaa ol baʼaa jiru kun maali dha?”
7 “Inni siree Solomooni.
Dhiirota jajjaboo Israaʼel keessaa,
Dhiironni jajjaboon jaatamni isatti marsaniiru,+
8 Hundi isaanii goraadee hidhataniiru,
Hundi isaanii waraanaaf leenjiʼaniiru,
Balaa halkanii irraa isa eeguuf
Tokkoon tokkoon isaanii goraadee isaanii mudhiitti hidhataniiru.”
9 “Inni siree mootii* Solomoon Mootichaa
Isa inni mukeetii Libaanon irraa ofii isaatiif tolfate dha.+
10 Inni utubaawwan isaa meetii irraa,
Deggertuuwwan isaas warqii irraa tolcheera.
Teessumni isaa suufii bifa dhiilgee irraa kan tolfame dha;
Keessi isaas ijoollee durbaa Yerusaalemiin
Akka gaariitti kan miidhagfame dha.”