Saamuʼel Tokkoffaa
8 Saamuʼel yeroo dulloometti, abbootii murtii taʼanii Israaʼelota akka tajaajilaniif ilmaan isaa ni muude. 2 Maqaan ilma isaa isa angafaa Yooʼel, kan isa lammaffaa immoo Abiyaa+ ture; isaan Ber Sheebaatti abbootii murtii taʼanii tajaajilu turan. 3 Haa taʼu malee, ilmaan isaa kun fakkeenya isaa hin hordofne; isaan faayidaa sirrii hin taane argachuuf+ mattaʼaa ni fudhatu,+ haqas ni jalʼisu+ turan.
4 Yeroo booda jaarsoliin Israaʼel hundi walitti qabamanii Raamaatti gara Saamuʼel dhufan. 5 Achiis, “Kunoo ati dulloomteetta; ilmaan kee immoo fakkeenya kee hordofaa hin jiran. Kanaafuu, akkuma saboota kaanii mootii abbaa murtii taʼee nu tajaajilu nuuf muudi” isaan jedhan.+ 6 Haa taʼu malee, “Mootii abbaa murtii taʼee nu tajaajilu nuuf muudi” jechuun isaanii Saamuʼeliin hin gammachiisne.* Achiis Saamuʼel gara Yihowaatti kadhannaa dhiheesse; 7 Yihowaanis Saamuʼeliin akkana jedhe: “Wanta uummatichi siin jedhu hunda dhagaʼi; sababiin isaas, isaan kan tuffatan siin miti; kanaa mannaa mootii isaanii akkan hin taane kan tuffatan anaani.+ 8 Isaan erga ani Gibxiidhaa isaan baasee jalqabee hanga guyyaa kanaatti wantuma hojjechaa turan gochaa jiru; ana dhiisanii+ waaqolii kan biroo tajaajilaa jiru;+ wanti isaan si irratti gochaa jiranis kanuma. 9 Egaa isaan dhagaʼi. Haa taʼu malee, cimsii isaan akeekkachiisi; mootiin isaan bulchu wanta akkamii isaan gaafachuuf mirga akka qabu isaanitti himi.”
10 Kanaafuu, Saamuʼel wanta Yihowaan dubbate hundumaa namoota mootii akka isaaniif muudu isa gaafatanitti ni hime. 11 Akkana isaaniin jedhe: “Mootiin isin bulchu wantoota kana isin gaafachuuf mirga qaba:+ Inni ilmaan keessan fudhatee+ gaarii fardaa isaa keessa kaaʼa;+ abbootii fardeenii isaas isaan godhata;+ isaan keessaa tokko tokko immoo gaarii fardaa isaa dura ni fiigu. 12 Ofii isaatiifis ajajjoota kumaa+ fi ajajjoota shantamaa+ godhee isaan muuda; isaan keessaa tokko tokko maasii isaa isaan qochisiifata;+ midhaan isaa isaan haamsifata;+ meeshaa waraanaa fi miʼa gaarii fardaa isaa isaan hojjechiifata.+ 13 Ijoollee durbaa keessan fudhatee warra dibata* qopheessan, warra nyaata bilcheessanii fi daabboo tolchan isaan godhata.+ 14 Maasii midhaanii keessan, maasii wayinii keessanii fi mukeetii ejersaa*+ keessan keessaa isa hundumaa irra wayyu fudhatee tajaajiltoota isaatiif kenna. 15 Midhaan keessanii fi wayinii keessan keessaa kurnoo* fudhatee abbootii taayitaa mana mootummaa isaa fi tajaajiltoota isaatiif kenna. 16 Dhiirotaa fi dubartoota tajaajiltoota keessan taʼan, horiiwwan keessan warra hundumaa irra wayyanii fi harroota keessan fudhatee hojii isaatiif itti fayyadama.+ 17 Bushaayeewwan* keessan keessaa kurnoo ni fudhata;+ isinis tajaajiltoota isaa ni taatu. 18 Mootii ofii keessaniif filattaniin kan kaʼe guyyaan itti boossan ni dhufa;+ Yihowaan garuu guyyaa sanatti deebii isiniif hin kennu.”
19 Haa taʼu malee, uummatichi wanta Saamuʼel isaaniin jedhe dhagaʼuu didanii akkana jedhan: “Hin taʼu, mootiin akka nuuf muudamu barbaanna. 20 Sana booda akka saboota kaanii ni taana; mootiin keenya abbaa murtii nuuf taʼa; nu geggeessa; diinota keenyas nuuf waraana.” 21 Saamuʼel wanta namoonni sun dubbatan hundumaa erga dhagaʼee booda, utuma Yihowaan dhagaʼuu wanta isaan jedhan irra deebiʼee dubbate. 22 Yihowaanis Saamuʼeliin, “Wanta isaan jedhan dhaggeeffadhu; akka isaan bulchuufis mootii isaaniif muudi”+ jedhe. Achiis Saamuʼel namoota Israaʼeliin, “Tokkoon tokkoon keessan gara magaalaa keessaniitti deebiʼaa” jedhe.