Naahom
3 Magaalaa dhiiga dhangalaastu sanaaf wayyoo!
Ishiin gowwoomsaa fi saamichaan kan guutamte dha.
Ishiin matumaa adamsuu hin dhiistu!
2 Sagaleen alangaa fi sagaleen kililchuu geengoowwanii ni dhagaʼama,
Fardeen gulufanii fi gaariiwwan fardaa fiiganis ni mulʼatu.
3 Abbaan fardaa farda irra taaʼe, goraadeen calaqqisu, eeboon ifu,
Namoonni ajjeefaman hedduunii fi tuullaan reeffawwanii ni mulʼata,
Reeffawwan sun lakkoofsi isaanii dhuma hin qabu.
Isaan reeffawwan sanaan ni gufatu.
4 Kunis kan taʼe, gocha sagaagalummaa hedduu sagaagaltuun sun raawwattuun kan kaʼe dha,
Ishiin bareedduu fi kan nama hawwattu dha, falfala raawwachuu irrattis dandeettii guddaa qabdi,
Sagaagalummaa ishiitiin saboota, falfala ishiitiinis maatiiwwan kiyyoo keessa galchiti.
5 Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: “Kunoo, ani si* irratti kaʼeera,+
Qamisii kee hamma fuula keetti si irraa nan soqola;
Saboonni qullaa kee,
Mootummoonnis salphina kee akka argan nan godha.
7 Namni si argu hundi si irraa ni baqata,+
Akkasumas, ‘Nanawween balleeffamteetti!
Eenyutu ishiidhaaf gadda?’ jedha.
Namoota si jajjabeessan eessaan argadha?
8 Ati Noo Amoon,*+ ishii jalʼisiiwwan Abbayyaa+ bira turte irra ni caaltaa?
Bishaanonni ishiitti marsanii turan;
Qabeenya ishii galaanichaan argatti turte, dallaan ishiis galaanicha ture.
9 Itoophiyaa fi Gibxiin ishiidhaaf madda jabina guddaa turan.
Puutii+ fi Liibiyaan gargaartota ishii* turan.+
10 Haa taʼu malee, ishiin illee boojiʼamteetti;
Boojuudhaan fudhatamteetti.+
Ijoolleen ishiis qarqara* daandii hundumaa irratti ni caccabsaman.
Isaan namoota ishii warra kabajamoo irratti carraa ni buufatan,
Namoonni ishii warri guguddoon hundis miilli isaanii hidhaa sibiilaatiin ni hidhame.
11 Atis ni machoofta;+
Ni dhokatta.
Diina jalaa baʼuuf dahoo ni barbaaddatta.
12 Dahoowwan kee hundi akkuma mukeetii harbuu firiiwwan jalqaba bilchaatan qabanii ti;
Isaan yoo raafaman afaan warra isaan nyaatanii keessatti harcaʼu.
13 Kunoo, loltoonni kee si gidduutti akkuma dubartootaa taʼaniiru.
Karrawwan biyya keetii diinota keetiif akka gaariitti ni banamu.
Danqaraa karrawwan keetii ibiddi ni nyaata.
14 Yeroo marfamtu sanaaf bishaan waraabbadhu!+
Dahoowwan kee jabeeffadhu.
Dhoqqeetti seeniitii suphee dhidhiiti;
Miʼa xuubii ittiin tolchan qabadhu.
15 Yeroo sanatti illee ibiddi si nyaata.
Goraadeen si kuta.+
Akkuma ilmoo awwaannisaattis si nyaata.+
Akka ilmoo awwaannisaatti of baayʼisi!
Eeyyee, akkuma awwaannisaatti of baayʼisi!
16 Ati urjiilee samii caalaa daldaltoota kee baayʼifatteetta.
Ilmoon awwaannisaa sun gogaa isaa of irraa baasee barrisee sokka.
17 Eegdonni kee akkuma awwaannisaa,
Ajajjoonni kees akkuma hoomaa awwaannisaa ti.
Isaan guyyaa qorraatti dallaa dhagaa keessa buufatu,
Yommuu aduun baatu garuu barrisanii sokku;
Bakka isaan jiran eenyu iyyuu hin beeku.
18 Yaa mootii Asoor, tiksitoonni kee muganiiru;
Guguddoonni kees manuma isaanii keessa taaʼu.
Namoonni kee gaarota irratti bittinnaaʼaniiru,
Walitti kan isaan qabus hin jiru.+
19 Badiisa si irra gaʼu irraa boqonnaa hin argattu.
Madaan kee fayyuu hin dandaʼu.