LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Faarfannaa 36
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

Qabiyyee Faarfannaa

      • Jaalala Waaqaa isa gatii guddaa qabu

        • Namni hamaan Waaqa hin sodaatu (1)

        • Waaqni madda jireenyaa ti (9)

        • “Ifa keetiin ifa arguu dandeenya” (9)

Faarfannaa 36:1

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Rom 3:18

Faarfannaa 36:2

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Kes 29:19, 20

Faarfannaa 36:5

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 103:11

Faarfannaa 36:6

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “akka gaarreen Waaqayyoo.”

  • *

    Ykn., “fayyisa.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 71:19
  • +Rom 11:33
  • +Fr 145:9; 1Xi 4:10

Faarfannaa 36:7

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mik 7:18
  • +Rut 2:12; Fr 17:8; 91:4

Faarfannaa 36:8

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “cooma.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 65:4
  • +Fr 16:11

Faarfannaa 36:9

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Iyo 33:4; Er 2:13; HoE 17:28; Mul 4:11
  • +Fr 27:1; 43:3; Yaq 1:17; 1Ph 2:9

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!, barumsa 6

Faarfannaa 36:10

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 103:17
  • +Fr 7:10; 97:11

Faarfannaa 36:12

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 1:5

Yaada Wal Simu

Far. 36:1Rom 3:18
Far. 36:2Kes 29:19, 20
Far. 36:5Fr 103:11
Far. 36:6Fr 71:19
Far. 36:6Rom 11:33
Far. 36:6Fr 145:9; 1Xi 4:10
Far. 36:7Mik 7:18
Far. 36:7Rut 2:12; Fr 17:8; 91:4
Far. 36:8Fr 65:4
Far. 36:8Fr 16:11
Far. 36:9Iyo 33:4; Er 2:13; HoE 17:28; Mul 4:11
Far. 36:9Fr 27:1; 43:3; Yaq 1:17; 1Ph 2:9
Far. 36:10Fr 103:17
Far. 36:10Fr 7:10; 97:11
Far. 36:12Fr 1:5
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
  • 1
  • 2
  • 3
  • 4
  • 5
  • 6
  • 7
  • 8
  • 9
  • 10
  • 11
  • 12
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Faarfannaa 36:1-12

Faarfannaa

Geggeessaa muuziqaatiif. Faarfannaa Daawit isa tajaajilaa Yihowaa taʼe sanaa.

36 Balleessaan garaa nama hamaa isa gad fagoo keessatti ni dubbata;

Waaqayyoon sodaachuunis ija isaa dura hin jiru.+

 2 Inni hamma dogoggora isaa hubachuu fi jibbuu dadhabutti,

Akka malee of jaja.+

 3 Dubbiin afaan isaa kan nama miidhuu fi kan nama gowwoomsu dha;

Wanta gaarii taʼe gochuuf hubannaa hin qabu.

 4 Siree isaa irratti illee wanta nama miidhu yaada.

Daandii gaarii hin taane irra dhaabbata;

Wanta hamaa taʼe irraa hin fagaatu.

 5 Yaa Yihowaa, jaalalli kee inni amanamaan hamma samiitti,+

Amanamummaan kees hamma duumessootaatti ni gaʼa.

 6 Qajeelummaan kee akka gaarota guguddoo* ti;+

Murtiiwwan kees akka bishaan balʼaa fi gad fagoo taʼee ti.+

Yaa Yihowaa, namaa fi bineensa situ jiraachisa.*+

 7 Yaa Waaqayyo, jaalalli kee inni amanamaan hammam ulfina qabeessa dha!+

Ilmaan namootaa gaaddisa qoochoo keetii jalatti kooluu galu.+

 8 Isaan badhaadhina* mana keetii irraa dhuganii ni quufu,+

Atis laga gammachuu kee irraa akka dhugan ni goota.+

 9 Ati madda jireenyaa ti;+

Ifa keetiin ifa arguu dandeenya.+

10 Warra si beekanitti jaalala kee isa amanamaa,+

Warra garaan isaanii qajeelaa taʼettis qajeelummaa argisiisuu kee itti fufi.+

11 Miilli warra of tuulanii akka na irra ejjetu,

Harki namoota hamoos akka na ariʼu hin godhin.

12 Kunoo, warri balleessaa raawwatan kukkufaniiru;

Isaan rukutamanii kufaniiru, ol kaʼuus hin dandaʼan.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi