LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Isaayyaas 31
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

Qabiyyee Isaayyaas

      • Gargaarsi dhugaan nama irraa utuu hin taʼin Waaqa irraa argama (1-9)

        • Fardeen Gibxii fooni (3)

Isaayyaas 31:1

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “Abbootii fardeenii.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 30:2
  • +Kes 17:15, 16

Isaayyaas 31:2

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +His 29:6, 7

Isaayyaas 31:3

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 33:17; Fak 21:31

Isaayyaas 31:5

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Kes 32:11, 12; Fr 91:4

Isaayyaas 31:6

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 55:7; Yoe 2:12

Isaayyaas 31:8

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Mo 19:35; 2Se 32:21; Isa 37:36

Isaayyaas 31:9

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “ibiddi.”

Yaada Wal Simu

Isa. 31:1Isa 30:2
Isa. 31:1Kes 17:15, 16
Isa. 31:2His 29:6, 7
Isa. 31:3Fr 33:17; Fak 21:31
Isa. 31:5Kes 32:11, 12; Fr 91:4
Isa. 31:6Isa 55:7; Yoe 2:12
Isa. 31:82Mo 19:35; 2Se 32:21; Isa 37:36
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
  • 1
  • 2
  • 3
  • 4
  • 5
  • 6
  • 7
  • 8
  • 9
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Isaayyaas 31:1-9

Isaayyaas

31 Warra gargaarsa argachuuf gara Gibxiitti gad buʼaniif,+

Warra fardeenitti abdataniif,+

Warra gaariiwwan fardaa hedduu taʼanitti,

Fardeen waraanaa* ciccimoo taʼanittis amanamaniif wayyoo.

Haa taʼu malee, isaan Isa Qulqulluu kan Israaʼel hin eeggatan,

Akkasumas Yihowaa hin barbaaddatan.

 2 Inni garuu ogeessa dha, badiisas ni fida,

Wanta dubbate raawwachuu irraas duubatti hin jedhu.

Inni mana warra hammina raawwatanii irratti,

Warra namoota balleessaa raawwatan gargaaran irrattis ni kaʼa.+

 3 Warri Gibxii garuu namoota malee Waaqa miti;

Fardeen isaaniis fooni malee hafuura miti.+

Yommuu Yihowaan harka isaa diriirsutti,

Inni gargaarsa kennu kam iyyuu ni gufata

Inni gargaarsa argatu kam iyyuus ni kufa,

Hundi isaanii takkaatti ni badu.

 4 Sababiin isaas, Yihowaan akkana naan jedheera:

“Akkuma leenci, leenci saafelli cimaa taʼe wanta adamsee qabate irratti gururiʼutti,

Yommuu guutummaan tuuta tiksitootaa isa irratti wal waaman

Sagalee isaaniitiin kan kaʼe akkuma hin jeeqamnetti,

Waca isaaniitiin kan kaʼes akkuma hin sodaannetti,

Yihowaan Gooftaan Raayyaas

Gaara Xiyoonii fi tabba ishii irratti waraana banuuf gad ni buʼa.

 5 Akkuma allaattiiwwan saffisaan gad buʼaniitti, Yihowaan Gooftaan Raayyaas Yerusaalemiin ni golbooba.+

Inni ishii ni golbooba, ishii ni fayyisa.

Ishii ni baraara, ishii ni oolchas.”

6 “Yaa saba Israaʼel, gara isa qaanii malee irratti finciltan sanaatti deebiʼaa.+ 7 Guyyaa sanatti tokkoon tokkoon namaa waaqolii isaa warra gatii hin qabnee fi meetii irraa tolfaman, akkasumas waaqolii isaa warra gatii hin qabnee fi warqii irraa tolfaman, warra cubbuudhaan kakaatanii harkuma keessaniin tolchitan sana ni tuffata.

 8 Asoorichi goraadeedhaan ni kufa, garuu goraadee namaatiin miti;

Goraadeen isa ni nyaata, garuu goraadee namaa miti.+

Inni goraadeedhaan kan kaʼe ni baqata,

Dargaggoonni isaas hojii dirqamaa ni hojjetu.

 9 Kattaan isaa sodaa guddaadhaan ni darba,

Bulchitoonni isaas jirma mallattootiin kan kaʼe ni jeeqamu” jedha Yihowaan

Inni ibsaan* isaa Xiyoon keessa, iddoon ibiddaa isaas Yerusaalem keessa jiru.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi