Faarfannaa
Geggeessaa muuziqaatiif; meeshaawwan muuziqaa ribuu qabaniin kan faarfatamu. Faarfannaa Asaaf.+ Faarfannaa.
3 Achitti inni xiyyawwan bobaʼan,
Gaachana, goraadee fi meeshaawwan waraanaa caccabseera.+ (Seelaa)
4 Ati akka gaariitti ni ibsita;*
Ati gaarota adamoo caalaa ulfina qabeessa dha.
5 Warri onneen isaanii onnataa taʼe saamamaniiru.+
Isaan rafaniiru;
Loltoonni hundi gargaarsa kan hin qabne taʼaniiru.+
6 Yaa Waaqa Yaaqoob, dheekkamsa keetiin kan kaʼe,
Inni gaarii fardaa oofus taʼe fardichi hirriba cimaa rafaniiru.+
7 Si qofatu sodaachisaa dha.+
Eenyutu dheekkamsa kee isa guddaa dura dhaabbachuu dandaʼa?+
8 Ati samii irraa murtii dabarsiteetta;+
Lafti sodaattee calluma jetteetti;+
9 Kunis kan taʼu, Waaqayyo garraamota lafa irra jiraatan hundumaa oolchuuf+
Yommuu murtii kennuuf kaʼutti dha. (Seelaa)
10 Sababiin isaas, dheekkamsi namaa ati akka jajamtu godha;+
Atis dheekkamsa isaanii isa hafeen of miidhagsita.
11 Waaqa keessan Yihowaadhaaf wareega wareegaa, wareega keessanis raawwadhaa,+
Warri naannoo isaatti argamtan hundi sodaadhaan kennaa keessan fidaa.+
12 Inni of tuulummaa* geggeessitootaa gad ni qaba;
Mootota lafaa keessattis sodaa ni uuma.