Baʼuu
11 Achiis Yihowaan Museedhaan akkana jedhe: “Ani Faraʼoonii fi Gibxii irratti dhaʼicha dabalataa tokko nan fida. Sana booda inni isin gadhiisa.+ Yommuu isin gadhiisus, inni dhugumaan asii ariʼee isin ni baasa.+ 2 Dhiironnii fi dubartoonni hundi olloota isaanii irraa faayawwan meetii fi warqii akka gaafatan sabichatti himi.”+ 3 Yihowaanis warra Gibxii duratti sabichaaf ulfina ni kenne. Kana malees, Museen iyyuu biyya Gibxii keessatti tajaajiltoota Faraʼoonii fi sabicha gidduutti nama ulfina guddaa qabu taʼee ture.
4 Achiis Museen akkana jedhe: “Yihowaan akkana jedha: ‘Ani gara halkan walakkaa biyya Gibxii keessa nan darba;+ 5 ilma angafaa Faraʼoon isa teessoo isaa irra taaʼee jiru sana irraa jalqabee hamma ilma angafaa garbittii ishii dhagaa daakuutiin daaktu sanaatti, ilmi angafaa biyya Gibxii keessa jiru hundi ni duʼa;+ horiiwwan warri jalqaba dhalatan hundis ni duʼu.+ 6 Iyyi guddaan kanaan dura matumaa taʼee hin beeknee fi sana booda matumaa hin taane guutummaa biyya Gibxii keessatti ni dhagaʼama.+ 7 Haa taʼu malee, Yihowaan warra Gibxii fi Israaʼelota gidduu garaa garummaan akka jiraatu gochuu akka dandaʼu akka beektaniif, Israaʼelotatti, namoota isaaniitti yookiin horiiwwan isaaniitti sareen illee hin duttu.’+ 8 Tajaajiltoonni kee hundis dhugumaan gara kootti gad buʼanii, ‘Atis taate namoonni si duukaa buʼan hundi deemaa’+ jedhanii anaaf ni sagadu. Achiis ani gad nan baʼa.” Sana booda inni baayʼee aaree Faraʼoon biraa baʼee deeme.
9 Achiis Yihowaan Museedhaan, “Dinqiiwwan koo biyya Gibxii keessatti akka baayʼataniif,+ Faraʼoon isin hin dhagaʼu” jedhe.+ 10 Musee fi Aaron dinqiiwwan kana hunda Faraʼoon duratti ni raawwatan;+ haa taʼu malee, Yihowaan Faraʼoon garaan isaa didaa akka taʼu waan heyyameef, inni Israaʼelota biyya isaa keessaa hin gadhiisne.+