LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Abbootii Murtii 18
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

Qabiyyee Abbootii Murtii

      • Daanonni biyya barbaaddatan (1-31)

        • Waaqoliin tolfamoon Miikiyaasii fi lubni isaa ni boojiʼaman (14-20)

        • Laaʼish fudhatamtee maqaa Daan jedhu moggaafamte (27-29)

        • Waaqeffannaa waaqa tolfamaa Daan keessa ture (30, 31)

Abbootii Murtii 18:1

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Abo 8:23; 1Sa 8:4, 5
  • +Iya 19:40
  • +Iya 19:47, 48; Abo 1:34

Abbootii Murtii 18:2

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Iya 19:41, 48
  • +Abo 17:1, 5

Abbootii Murtii 18:3

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “loqoda.”

Abbootii Murtii 18:4

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Abo 17:9, 10

Abbootii Murtii 18:7

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Iya 19:47, 48; Abo 18:29
  • +Abo 18:27

Abbootii Murtii 18:8

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Iya 15:20, 33; Abo 18:2

Abbootii Murtii 18:10

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Abo 18:7, 27
  • +Bau 3:8; Kes 8:7-9

Abbootii Murtii 18:11

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Abo 18:2

Abbootii Murtii 18:12

Miiljaleewwan

  • *

    “Buufata Daan” jechuu dha.

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Sa 7:1
  • +Abo 13:24, 25

Abbootii Murtii 18:13

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Abo 17:1, 5

Abbootii Murtii 18:14

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “waaqolii maatii; waaqolii tolfamoo.”

  • *

    Ykn., “siidaan baqfamee tolfame.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Abo 18:2, 29
  • +Kes 27:15; Abo 17:4, 5

Abbootii Murtii 18:15

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Abo 17:7, 12; 18:30

Abbootii Murtii 18:16

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Abo 18:11

Abbootii Murtii 18:17

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “waaqolii maatii; waaqolii tolfamoo.”

  • *

    Ykn., “siidaa baqfamee tolfame.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Abo 18:2
  • +Bau 28:6; Abo 8:27
  • +Uma 31:19
  • +Lew 19:4; Kes 27:15; Abo 17:3-5
  • +Abo 17:12

Abbootii Murtii 18:18

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “waaqolii maatii; waaqolii tolfamoo.”

  • *

    Ykn., “siidaa baqfamee tolfame.”

Abbootii Murtii 18:19

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “gorsaa.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Abo 17:12
  • +Abo 18:30

Abbootii Murtii 18:20

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “waaqolii maatii; waaqolii tolfamoo.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Abo 17:4, 5

Abbootii Murtii 18:25

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “namoonni jireenyi itti hadhaaʼe.”

Abbootii Murtii 18:27

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Iya 19:47, 48; Abo 18:29
  • +Abo 18:7, 10

Abbootii Murtii 18:28

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “dirree gad buʼaa.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Lak 13:17, 21

Abbootii Murtii 18:29

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Iya 19:47, 48; Abo 20:1; 1Mo 4:25; 12:28, 29
  • +Uma 30:6; 32:28
  • +Abo 18:7

Abbootii Murtii 18:30

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Abo 17:1, 4; 18:18
  • +Abo 17:12
  • +Bau 2:21, 22

Abbootii Murtii 18:31

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Bau 40:2; Iya 18:1; 1Sa 1:3

Yaada Wal Simu

Abo. 18:1Abo 8:23; 1Sa 8:4, 5
Abo. 18:1Iya 19:40
Abo. 18:1Iya 19:47, 48; Abo 1:34
Abo. 18:2Iya 19:41, 48
Abo. 18:2Abo 17:1, 5
Abo. 18:4Abo 17:9, 10
Abo. 18:7Iya 19:47, 48; Abo 18:29
Abo. 18:7Abo 18:27
Abo. 18:8Iya 15:20, 33; Abo 18:2
Abo. 18:10Abo 18:7, 27
Abo. 18:10Bau 3:8; Kes 8:7-9
Abo. 18:11Abo 18:2
Abo. 18:121Sa 7:1
Abo. 18:12Abo 13:24, 25
Abo. 18:13Abo 17:1, 5
Abo. 18:14Abo 18:2, 29
Abo. 18:14Kes 27:15; Abo 17:4, 5
Abo. 18:15Abo 17:7, 12; 18:30
Abo. 18:16Abo 18:11
Abo. 18:17Abo 18:2
Abo. 18:17Bau 28:6; Abo 8:27
Abo. 18:17Uma 31:19
Abo. 18:17Lew 19:4; Kes 27:15; Abo 17:3-5
Abo. 18:17Abo 17:12
Abo. 18:19Abo 17:12
Abo. 18:19Abo 18:30
Abo. 18:20Abo 17:4, 5
Abo. 18:27Iya 19:47, 48; Abo 18:29
Abo. 18:27Abo 18:7, 10
Abo. 18:28Lak 13:17, 21
Abo. 18:29Iya 19:47, 48; Abo 20:1; 1Mo 4:25; 12:28, 29
Abo. 18:29Uma 30:6; 32:28
Abo. 18:29Abo 18:7
Abo. 18:30Abo 17:1, 4; 18:18
Abo. 18:30Abo 17:12
Abo. 18:30Bau 2:21, 22
Abo. 18:31Bau 40:2; Iya 18:1; 1Sa 1:3
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
  • 1
  • 2
  • 3
  • 4
  • 5
  • 6
  • 7
  • 8
  • 9
  • 10
  • 11
  • 12
  • 13
  • 14
  • 15
  • 16
  • 17
  • 18
  • 19
  • 20
  • 21
  • 22
  • 23
  • 24
  • 25
  • 26
  • 27
  • 28
  • 29
  • 30
  • 31
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Abbootii Murtii 18:1-31

Abbootii Murtii

18 Bara sanatti Israaʼel keessa mootiin hin jiru ture.+ Kana malees, bara sanatti gosti Daanotaa+ dhaala keessa jiraatan barbaaddachaa turan; sababiin isaas, isaan hamma yeroo sanaatti gosoota Israaʼel gidduutti dhaala hin arganne turan.+

2 Daanonni biyyattii akka basaasanii fi akka qorataniif maatii isaanii gidduudhaa namoota gaʼumsa qaban shan Zoraa fi Eeshtaaʼol+ keessaa ni ergan. Achiis, “Dhaqaatii biyyattii qoradhaa” isaaniin jedhan. Yommuu gara naannoo gaarotaa Efreem, gara mana Miikiyaas+ dhufanis halkan sana achuma ni bulan. 3 Utuma mana Miikiyaas bira jiranii sagalee* dargaggeessa isa nama Leewwii taʼe sanaa waan hubataniif, gara isaatti goranii, “Eenyutu as si fide? Iddoo kanaa maal goota? As kan jiraattu maaliifi?” jedhanii isa gaafatan. 4 Innis, “Miikiyaas akkana akkana naaf godhe; luba taʼee akkan isaaf tajaajilus na mindeeffate”+ jedhee isaaniif deebise. 5 Achiis, “Maaloo, imalli keenya kan nuuf milkaaʼu taʼuu fi dhiisuu isaa Waaqayyoon nuuf gaafadhu” isaan jedhan. 6 Lubichis, “Nagaadhaan dhaqaa. Imala keessan irratti Yihowaan isinii wajjin jira” isaaniin jedhe.

7 Kanaafuu, namoonni shanan sun deemsa isaanii itti fufanii gara Laaʼish+ dhufan. Isaanis namoonni achi keessa jiraatan akkuma Siidoonotaa of dandaʼanii jiraachaa akka jiran argan. Isaan tasgabbiidhaan, akkasumas utuu homaa hin shakkin+ kan jiraatan yeroo taʼu, bulchaan biyyattii weeraree isaan cunqursus hin jiru ture. Isaan Siidoonota irraa fagaatanii jiraatu turan; eenyuu wajjin iyyuu walitti dhufeenya hin qaban turan.

8 Gara obboloota isaanii warra Zoraa fi Eeshtaaʼol+ keessa jiranitti yommuu deebiʼanis obboloonni isaanii, “Akkam ture?” isaaniin jedhan. 9 Isaanis akkana jedhanii isaaniif deebisan: “Biyyattiin baayʼee gaarii akka taate waan argineef, kottaa isaan haa waraannu. Maaliif mamtu? Gara ishiitti seentanii biyyattii dhaalaan fudhachuuf lafa irra hin harkifatinaa. 10 Yommuu achi geessan namoota utuu homaa hin shakkin jiraatan argattu;+ biyyattiinis balʼoo dha. Waaqayyo iddoo wanta lafa irra jiru keessaa homtuu itti hin hirʼanne harka keessanitti dabarsee kenneera.”+

11 Achiis maatii Daanotaa keessaa namoonni waraanaaf hidhatan 600 Zoraa fi Eeshtaaʼol keessaa baʼanii deeman.+ 12 Isaan ol baʼanii Qiriyaat Yeʼariim+ ishii Yihudaatti argamtu bira buufatan. Iddoon dhiha Qiriyaat Yeʼariimitti argamu sun hamma harʼaatti Mahaane Daan*+ jedhamee kan waamamu kanaafi. 13 Isaan achii kaʼanii gara naannoo gaarotaa Efreemitti qajeeluudhaan gara mana Miikiyaas+ dhufan.

14 Achiis namoonni shanan biyya Laaʼish basaasuuf dhaqanii+ turan sun obboloota isaaniitiin, “Manneen kana keessa efuudiin, siidaawwan taraafiim,* fakkiin bocamee fi siidaan sibiilaa*+ akka jiru beektuu? Maal gochuu akka qabdan irratti yaadaa” jedhan. 15 Kanaafuu, achi dhaabbatanii gara mana dargaggeessa isa nama Leewwii taʼee+ fi manni isaa mana Miikiyaas biratti argamu sanaa dhaqanii nagaa isa gaafatan. 16 Yeroo kana hundumaatti namoonni Daan waraanaaf hidhatan 600n+ sun balbala karrichaa bira dhaabbatanii turan. 17 Namoonni shanan biyyattii basaasuuf dhaqanii turan+ sunis fakkii bocamaa, efuudicha,+ siidaawwan taraafiimii*+ fi fakkii sibiila irraa tolfame*+ sana fudhachuuf ol seenan. (Lubichi+ namoota waraanaaf hidhatan 600n sanaa wajjin balbala karrichaa bira dhaabbatee ture.) 18 Isaanis gara mana Miikiyaasitti seenanii fakkii bocamaa, efuudicha, siidaawwan taraafiimii* fi fakkii sibiila irraa tolfame* sana ni fudhatan. Lubichis, “Maal gochaa jirtu?” isaaniin jedhe. 19 Isaan garuu, “Cal jedhi. Afaan kee qabadhu; abbaa* fi luba akka nuuf taatuuf nuu wajjin kottu. Mana nama tokkootiif luba taʼuu+ moo gosaa fi maatii Israaʼel keessatti argamu tokkoof luba taʼuu siif wayya?”+ isaan jedhan. 20 Kanaafuu, lubichi ni gammade; efuudicha, siidaawwan taraafiimii* fi fakkii bocamaa+ sana fudhatee namoota sanaa wajjin deeme.

21 Achiis isaan ijoollee, horiiwwanii fi wantoota gatii guddaa qaban of dura buusanii karaa isaanii qajeelan. 22 Namoonni manneen mana Miikiyaas biratti argaman keessa jiraatan walitti qabamanii yommuu Daanota bira gaʼanitti, isaan mana Miikiyaas irraa hamma tokko fagaatanii turan. 23 Yommuu isaan iyyanii Daanota waamanis isaan itti garagalanii Miikiyaasiin, “Maal taate? Walitti qabamtanii kan dhuftan maaliifi?” jedhan. 24 Kanaafuu inni, “Isin waaqolii koo warran tolfadhe fudhattaniittu; lubichas fuutanii deemtaniittu. Maaltu naaf hafe ree? Maarree akkamitti, ‘Maal taate?’ naan jettu?” isaaniin jedhe. 25 Daanonnis, “Nutti hin iyyin; taʼuu baannaan, namoonni aaran* miidhaa isin irraan gaʼuu dandaʼu; kun immoo lubbuu kee fi lubbuu maatii keetii si dhabsiisa” jedhanii isaaf deebisan. 26 Achiis Daanonni karaa isaanii itti fufan; Miikiyaasis isaan isa caalaa cimoo akka taʼan yommuu argu duubatti deebiʼee gara mana isaa dhaqe.

27 Isaan wanta Miikiyaas tolfatee fi luba isaa erga fudhatanii booda gara Laaʼish,+ gara saba tasgabbiidhaan jiraatuu fi homaa hin shakkine+ sanaa ni dhaqan. Isaanis goraadeedhaan isaan rukutanii magaalattii ibiddaan guban. 28 Magaalattiin Siidoon irraa fagaattee waan argamtuuf, isaanis eenyuu wajjin iyyuu walitti dhufeenya waan hin qabneef, akkasumas Laaʼish kan argamtu dirree sulula keessaa* isa kan Beet Rehoob+ taʼe keessatti waan tureef, magaalattii kan oolchu hin jiru ture. Achiis isaan magaalattii deebisanii ijaaranii keessa jiraatan. 29 Kana malees, magaalattii maqaa abbaa isaanii isa ilma Israaʼel taʼeen Daan+ jedhanii moggaasan.+ Maqaan magaalattii inni duraanii garuu Laaʼish jedhama ture.+ 30 Sana booda Daanonni fakkii bocamaa+ sana ofii isaaniitiif ni dhaaban; hamma guyyaa jiraattonni biyyattii boojuudhaan itti fudhatamanittis Yonaataan+ ilmi Geershom,+ ilmi Musee fi ilmaan isaa gosa Daanotaatiif luboota taʼan. 31 Akkasumas isaan fakkii bocamaa isa Miikiyaas tolche kan dhaabbatan yeroo taʼu, innis guyyoota manni Waaqa dhugaa Shiiloo+ keessa itti ture hundumaatti achuma ture.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi