Seenaa Baraa Isa Tokkoffaa
5 Ilmaan Ruuben+ isa ilma angafaa Israaʼel taʼe sanaa kanneen kana dha. Inni ilma angafaa taʼus, siree abbaa isaa waan xureesseef*+ mirgi angafummaa isaa ilmaan Yoseef+ isa ilma Israaʼel taʼeef ni kenname; kanaafuu, inni warra dhalootaan mirga angafummaa qaban keessatti hin galmeeffamne. 2 Yihudaan+ obboloota isaa kan caaluu fi inni geggeessaa taʼu karaa isaa kan dhufe+ taʼus, mirgi angafummaa kan kenname Yoseefiif ture. 3 Ilmaan Ruuben isa ilma angafaa Israaʼel taʼe sanaa, Hanook, Paaluu, Hesroonii fi Kaarmii+ turan. 4 Ilmaan Yooʼel, ilma isaa Shemaayaa, ilma Shemaayaa Goog, ilma Goog Shimeʼii, 5 ilma Shimeʼii Miikiyaas, ilma Miikiyaas Reʼaayaa, ilma Reʼaayaa Baʼaal, 6 akkasumas ilma Baʼaal Beʼeraa isa Tilgaat Pilneseer+ mootiin Asoor boojiʼee fudhate sana turan; inni ajajaa Ruubenotaa ture. 7 Obboloonni isaa akka maatii isaaniittii fi akka hidda dhalootaa isaaniitti kan galmeeffaman yeroo taʼu, isaanis kanneen kana turan: dura buʼaa kan taʼe Yeyiʼel, Zakkaariyaas, 8 akkasumas Beelaa ilma Azaaz, ilma Sheemaa, ilma Yooʼel, isa Aroʼer+ irraa jalqabee hamma Neboo achiis hamma Baʼaal Meʼoonitti+ jiraate sana. 9 Horiin isaanii biyya Giiliyaad+ keessatti waan baayʼataniif, inni karaa bahaatiin hamma jalqaba gammoojjii isa Laga Efraaxis+ biratti argamuutti fagaatee buufate. 10 Bara Saaʼolitti isaan Haggaarota irratti waraana bananii isaan injifatan; kanaafuu, isaan naannoo baha Giiliyaaditti argamu hundumaa keessatti dunkaanota isaanii keessa jiraatan.
11 Sanyiiwwan Gaad biyya Baashaanii jalqabee hamma Saalekaatti+ isaanitti aansanii jiraatu turan. 12 Yooʼel dura buʼaa ture; Shaafaam lammaffaa ture; Yaanaayii fi Shaafaatis Baashaan keessatti dura buutota turan. 13 Obboloonni isaanii warri manneen abbootii isaanii irraa taʼan, Mikaaʼel, Meshulaam, Sheebaa, Yoraay, Yaakaan, Ziʼaa fi Ebeer, walumaa galatti torba turan. 14 Kanneen kun ilmaan Abihaayil isa ilma Hurii, ilma Yaaroʼaa, ilma Giiliyaad, ilma Mikaaʼel, ilma Yeshishaay, ilma Yaadoo, ilma Buuz taʼe sanaa turan. 15 Ahiin inni ilma Abdiʼel, ilma Guunii taʼe dura buʼaa mana abbootii isaanii ture. 16 Isaan Giiliyaad+ keessa, Baashaan+ keessaa fi magaalota isaan jalatti* argaman keessa, akkasumas iddoowwan dheedichaa Shaaron hunda keessa hamma daangaawwan isaaniitti ni jiraatan. 17 Hundi isaaniis bara Yootaam+ mootii Yihudaa fi bara Yeroboʼaam*+ mootii Israaʼelitti akka hidda dhalootaa isaaniitti ni galmeeffaman.
18 Ruubenonni, Gaadonnii fi walakkaan gosa Minaasee raayyaa waraanaa isaanii keessatti loltoota jajjaboo 44,760 warra gaachanaa fi goraadee qabatan, akkasumas warra iddaa hidhatan* qabu turan; isaan waraanaaf kan leenjifaman turan. 19 Isaanis Haggaarota,+ gosa Yetuur, gosa Naafishii+ fi gosa Nodaab irratti waraana banan. 20 Isaan waraana irratti akka isaan gargaaruuf Waaqayyoon waan waammataniif, innis isatti amanamuu+ isaaniitiin kan kaʼe kadhannaa isaanii waan dhagaʼeef, yommuu isaan waraananitti gargaarsa ni argatan; kanaafuu, Haggaaronnii fi warri isaanii wajjin turan hundi harka isaanii irratti kufan. 21 Isaanis horii isaanii, jechuunis gaalota 50,000, hoolota 250,000 fi harroota 2,000, akkasumas namoota* 100,000 ni boojiʼan. 22 Waraanicha kan geggeesse Waaqa dhugaa waan tureef,+ namoonni baayʼeen ni ajjeefaman. Isaanis hamma yeroo boojiʼamanii+ fudhatamanitti iddoo isaanii keessa ni jiraatan.
23 Sanyiiwwan walakkaa gosa Minaasee,+ Baashaanii hamma Baʼaal Hermoon, hamma Seenirii fi hamma Gaara Hermoonitti+ biyyattii keessa ni jiraatan. Lakkoofsi isaaniis hedduu ture. 24 Dura buutonni manneen abbootii isaanii kanneen kana turan: Eefeer, Yishii, Eliʼeel, Azriʼel, Ermiyaas, Hodaawiyaa fi Yaadiʼeel; isaan loltoota jajjaboo, namoota beekamoo fi dura buutota manneen abbootii isaanii turan. 25 Haa taʼu malee, isaan Waaqa abbootii isaaniitiif amanamoo hin taane; akkasumas, waaqolii saboota biyyattii warra Waaqayyo isaan duraa balleesse sanaa wajjin sagaagalummaa raawwatan.+ 26 Kanaan kan kaʼes, Waaqni Israaʼel hafuura Puul mootii Asoor (jechuunis, Tilgaat Pilneseer+ mootii Asoor) ni kakaase;+ kanaafuu inni Ruubenota, Gaadotaa fi walakkaa gosa Minaasee boojuudhaan fudhatee gara Haalaa, Haaboor, Haaraa fi laga Goozaanitti+ geesse; isaanis hamma harʼaatti achi jiru.