Seenaa Baraa Isa Tokkoffaa
13 Daawit ajajjoota kumaa, ajajjoota dhibbaa fi geggeessitoota hundumaa wajjin ni mariʼate.+ 2 Achiis Daawit guutummaa gumii Israaʼeliin akkana jedhe: “Gaarii taʼee yoo isinitti mulʼatee fi Waaqa keenya Yihowaa duratti fudhatama yoo argate, obboloonni keenya warri guutummaa naannoowwan Israaʼelitti hafan, akkasumas luboonnii fi Leewwonni magaalota+ isaanii warra iddoowwan dheedichaa qaban keessa jiran gara keenya dhufanii nutti akka makaman dhaamsa isaanitti haa erginu. 3 Taabota Waaqa keenyaas deebisnee haa fidnu.”+ Sababiin isaas, isaan bara Saaʼolitti kunuunsa isaaf hin goone.+ 4 Namoonni hundi kun sirrii fakkaatee waan isaanitti mulʼateef, guutummaan gumichaa kana gochuuf walii gale. 5 Kanaafuu, Daawit Taabota Waaqa dhugaa Qiriyaat Yeʼariimii fiduuf laga* Gibxiitii hamma Lebo Hamaatitti*+ Israaʼelota hunda walitti ni qabe.+
6 Daawitii fi guutummaan Israaʼel Taabota Yihowaa Waaqa dhugaa isa kiruubelotaa olitti* teessoo irra taaʼu sanaa,+ jechuunis Taabota isa namoonni maqaa isaa itti waammatan sana achii fiduuf, gara Baʼaalaa,+ gara Qiriyaat Yeʼariim ishii Yihudaa keessatti argamtuutti ol baʼan. 7 Haa taʼu malee, isaan Taabota Waaqa dhugaa sana gaarii haaraa irra kaaʼanii+ mana Abinaadaabii ni fidan; Uuzaanii fi Ahiyoonis gaarii sana oofaa turan.+ 8 Daawitii fi guutummaan Israaʼelis faarfannaadhaan, akkasumas baganaa, meeshaawwan muuziqaa ribuu qaban akaakuu kan biroo, dibbee,+ siimbaalii*+ fi malakatatti+ fayyadamanii humna isaanii guutuudhaan Waaqa dhugaa duratti ni sirbu turan. 9 Haa taʼu malee, isaan yommuu oobdii Kidoon bira gaʼanitti, loon sun Taaboticha kuffisuuf waan turaniif Uuzaan harka isaa hiixatee Taaboticha qabe. 10 Yeroo kanatti aariin Yihowaa Uuzaa irratti ni bobaʼe; inni harka isaa gara Taabotichaatti waan diriirseef Waaqayyo isa ni rukute,+ innis achuma Waaqayyo duratti ni duʼe.+ 11 Haa taʼu malee, aariin Yihowaa Uuzaa irratti waan bobaʼeef Daawit ni aare;* iddoon sunis hanga harʼaatti Pereez Uuzaa* jedhama.
12 Kanaafuu, Daawit guyyaa sanatti Waaqa dhugaa waan sodaateef, “Taabota Waaqa dhugaa akkamittan gara kootti fudhachuu dandaʼa?” jedhe.+ 13 Daawit Taaboticha gara Magaalaa Daawit isa inni keessa jiraatutti hin fidne; kanaa mannaa, gara mana Obeed Edoom isa nama Gaat taʼeetti akka geeffamu godhe. 14 Taabonni Waaqa dhugaa sunis maatii Obeed Edoomii wajjin jiʼa sadiif mana isaa keessa taaʼe; Yihowaanis maatii Obeed Edoomii fi wanta inni qabu hunda ni eebbise.+