YOHAANNIS SADAFFAA
1 Maanguddicha* irraa, Gaayos jaallatamaa isa ani garaadhaa jaalladhuuf.
2 Yaa obboleessa jaallatamaa, akkuma amma gaarii siif taʼee jiru, waan hundumaatiin akka siif milkaaʼuu fi fayyaa gaarii akka qabaattu siif nan kadhadha. 3 Obboloonni dhufanii dhugaa qabattee akka jirtu yommuu natti himan baayʼeen gammade; dhugaa keessa deddeebiʼuu kee itti fufteetta.+ 4 Ijoolleen koo dhugaa keessa deddeebiʼaa akka jiran dhagaʼuu caalaa wanti gammachuu guddaa naaf argamsiisu* hin jiru.+
5 Yaa obboleessa jaallatamaa, ati isaan beekuu baattus, wanta obbolootaaf gooteen amanamaa taʼuu kee argisiisteetta.+ 6 Isaan waaʼee jaalala keetii gumicha duratti ragaa baʼaniiru. Maaloo atis karaa Waaqayyoon gammachiisuun isaan geggeessi.+ 7 Sababiin isaas, isaan saboota kaan irraa homaa utuu hin fudhatin kan baʼan maqaa isaatiif jedhanii ti.+ 8 Kanaafuu, nutis dhugaa keessatti isaanii wajjin akka hojjennuuf, namoota akkasii keessummummaa simachuuf dirqamni nu irra jira.+
9 Ani wanta tokko gumichaaf barreesseen ture; taʼus, Diyooxiraaxis inni isaan gidduutti dura buʼaa taʼuu barbaadu+ waan tokko illee kabajaan+ nu irraa hin fudhatu. 10 Ani yoon dhufe, hojii inni hojjetu, jechuunis dubbii hamaa inni waaʼee keenya babalʼisu kanan saaxilu kanaafi.+ Kun iyyuu isatti hanqatee, obboloota+ kabajaan hin simatu; warra isaan simachuu barbaadanis dhowwuu fi gumii keessaa ariʼuuf yaala.
11 Yaa obboleessa jaallatamaa, fakkeenya warra wanta gaarii hojjetanii hordofi malee, fakkeenya warra wanta gadhee hojjetanii hin hordofin.+ Namni wanta gaarii hojjetu kan Waaqayyoo ti.+ Namni wanta gadhee hojjetu Waaqayyoon hin argine.+ 12 Dimeexiros hunda isaanii biratti maqaa gaarii qaba, dhugaanis kana mirkaneesseera. Nutis waaʼee isaa ragaa baʼaa jirra; wanti nuti ragaa baanu dhugaa taʼuu isaa beekta.
13 Ani wantan siif barreessu hedduu qaban ture; garuu kana caalaa biirii fi qalamiidhaan siif barreessuu hin barbaadu. 14 Haa taʼu malee, dhiheenyatti akkan si argu nan abdadha; yeroo sanatti fuulaa fuulatti waliin haasofna.
Nagaan siif haa taʼu.
Michoonni as jiran nagaa siif dhaamaniiru. Michoota achi jiranitti tokko tokkoon nagaa koo naaf himi.
Ykn., “Jaarsicha.”
Ykn tarii, “galateeffachuuf sababii naaf taʼu.”