LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w11 8/15 ful. 32
  • Ni Yaadattaa?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Ni Yaadattaa?
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • ‘Ogummaan Waaqayyoo Hammam Gad Fagaata!’
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
  • Fakkeenya Waaʼee Muka Ejersaa Dubbatame
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2019
  • Mukti Murame Deebiʼee Latuu Ni Dandaʼaa?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2015
  • Waaqayyo Jaalalasaa Nutti Argisiiseera
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
w11 8/15 ful. 32

Ni Yaadattaa?

Barruulee Masaraa Eegumsaa dhiheenyatti baʼan dubbisuudhaan faayidaa argatteettaa? Mee gaaffiiwwan armaan gadii deebisuu yaali:

• Dhaabni Eeden bakka dhugumaan ture taʼuusaa akka amannu kan nu godhu maalidha?

Macaafni Qulqulluun bakka iddoon kun dhugumaan ture ibsuudhaan ragaa ifa taʼe kenna. Lageen iddoo kanaa wajjin wal qabatee caqasaman keessaa lama yeroo harʼaa jiru. Seenaan kun utuu sheekkoo ykn soba taʼee karaa kanaan hin dhihaatu ture. Yesus inni hunda caalaa dhugaa baatuu amanamaa taʼe Addaamiifi Hewwaan dhugumaan akka turan ibseera.—4/1Ebl.-Wax., ful. 5-6, 9

• Waaqayyo Addaamiifi Hewwaan Cubbuu Akka Hojjetan Beeka Turee?

Lakki. Yihowaan dandeettii yaaduufi filannaa gochuu akka qabaatan godhee isaan uumeera. Kunimmoo abboomamuu ykn abboomamuu diduu akka filatan isaan gargaara. Yihowaan wanta tokko dursee beekuuf dandeettii kan qabu taʼus, dandeettii kana yeroo barbaadetti qofa itti fayyadama.—4/1Ebl.-Wax., ful. 13-15

• Wantoonni amanamoo taanee akka jiraannu nu gargaaran sadii maalfaʼi?

(1) Waaqayyoof sodaa sirrii qabaachuu. (1 Phe. 3:12) (2) Yaada garaa Macaafa Qulqulluudhaan leenjifame qabaachuu. (3) Waan qabanitti gammadanii jiraachuuf carraaquu.—4/15, ful. 6-7.

• Tajaajila Yihowaatiif ulfina guddaa kennuu jechuun fuula dukkaneessuu ykn namootaa wajjin yeroo gammachiisaa taʼe dabarsuurraa of qusachuu jechuu akka hin taane akkamitti beekna?

Fakkeenya Yesus ilaaluu dandeenya. Namootaa wajjin nyaachuudhaan yeroo gammachiisaa dabarsa ture. Isatti dhihaachuun kan ulfaatu ykn nyaara kan guuru akka hin turre beekna. Namoota kaan dabalatee, ijoolleenillee kan isatti dhihaatan taʼuusaanirrayyuu isaa wajjin taʼuun isaan gammachiisa ture.—4/15, ful. 10.

• Wanti Roomaa boqonnaa 11⁠rratti muka ejersaatti fakkeeffamee ibsame maalidha?

Mukti ejersaa kutaa lammaffaa sanyii Abrahaam, jechuunis Israaʼel hafuuraa kan argisiisudha. Yihowaan hidda ejersa kanaa siʼa taʼu jirmi mukichaammoo Yesusiin kan argisiisudha. Namoonni dhalootaan Yihudoota taʼan Yesusiin fudhachuu yeroo didanitti, namoonni saba Waaqayyoo hin taane Kiristiyaanota kan taʼan siʼa taʼu, fakkeenyaan ejersa dhaabamee guddifameetti waan fayyifamaniif, lakkoofsi kutaa lammaffaa sanyii Abrahaam akka guutu godhaniiru.—5/15, ful. 22-25.

• Lubbuun Yesusiifi ijoollee mudaa hin qabne inni godhachuu dandaʼuu, lubbuu Addaamiifi ijoolleesaa mudaa qabaniif aarsaa wal gitu taʼuu dandaʼaa?

Lakki. Yesus mudaa kan hin qabne waan taʼeef, ijoollee mudaa hin qabneefi biliyoonaan lakkaaʼaman godhachuu kan dandaʼu taʼus, ijoolleen inni godhachuu dandaʼu kutaa furichaa miti. Addaamii wajjin kan wal gitu lubbuu Yesus isa mudaa hin qabne qofadha.— (1 Xim. 2:6, NW)​—6/15, ful. 13.

• Kiristiyaanonni barsiisota sobduu ilaalchisee akeekkachiisa Hojii Ergamootaa 20:29, 30⁠rratti kenname akka hubatan argisiisuu kan dandaʼan akkamitti?

Barsiisota sobduu manasaaniitti hin simatan ykn nagaa isaan hin gaafatan. (Rom. 16:17; 2 Yoh. 9-11) Kiristiyaanonni barreeffama gantootaa hin dubbisan, sagantaa televijiinii yaadasaanii ittiin dabarsan hin ilaalan; akkasumas Weeb saayitii barumsasaanii qabatan hin dubbisan.—7/15, ful. 15-16.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi