Caqasa Guyyaa Guyyaa Qoruuf—Sagantaa Maatii Qabaadhaa
1 Warri jaalala qabeeyyii ta’an, ijoolleesaaniitiif nyaata gaarii qopheessuuf guyyaa guyyaadhaan carraaqqii guddaa godhu. Nyaata hafuuraa Sagalee Waaqayyoorraa argamu isaaniif dhiheessuunimmoo kana caalaa barbaachisaadha. (Mat. 4:4) Ijoolleen keessan nyaata hafuuraatiif fedhii qabaachuufi “fayyinaaf ittiin guddachuudhaaf” akka danda’an gochuuf karaan inni tokko, guyyaa hundumaa caqasa guyyaarratti mari’achuufi miseensonni maatii yaada akka irratti kennan gochuudha. (1 Phe. 2:2) Sagantaa maatii keessan keessatti kana gochuu kan dandeessan yoomi?
2 Yeroo Nyaataatti: Guyyaa hundumaa caqasa guyyaarratti mari’achuudhaan jalqabuun, maatiin keessan guyyaa guutuu waa’ee Yihowaa yaadaa akka oolu gochuu danda’a. (Far. 16:8) Haati tokko, yeroo hundumaa ennaa ilmishee ciree nyaatu isheen caqasa guyyaa ni dubbistiif, ibsa irratti ni laatti; akkasumas gara mana barumsaa deemuusaa dura kadhannaa dhiheessiti turte. Kunimmoo, dhimmi lammummaa yemmuu ka’u ejjennoo sirrii ta’e akka fudhatuufi qorumsa amala addaggummaatti isa geessu akka mo’atu, akkasumas barattootaafi barsiisotaaf ija jabinaan akka lallabu isa godheera. Mana barumsaa sana keessatti Dhugaa Baatuun isa qofaa ta’uyyuu, tasumaa kophummaan itti dhaga’amee hin beeku ture.
3 Caqasa guyyaa maatiidhaan ganama ganama gochuun isiniif mijaa’aa yoo ta’uu baate, galgala galgala, tarii yommuu irbaata nyaattan gochuu dandeessu. Maatiiwwan tokko tokko, yeroo kanatti, muuxannoo tajaajilaarratti argataniifi yaada dubbisa Macaafa Qulqulluusaaniirraa argatanirratti mari’atu. Namoonni baay’een yeroo gammachiisaa maatiisaanii wajjin dabarsan akkasii kana hin irraanfatan.
4 Galgala: Maatiiwwan tokko tokko caqasa guyyaa gochuuf kan filatan galgala rafuusaanii duradha. Yeroon akkasii walii wajjin kadhachuufis mijaa’aa ta’uu danda’a. Ijoolleen keessan, guyyaa guyyaadhaan waa’ee Yihowaa yeroo dubbattaniifi yeroo isa kadhattan dhaga’uunsaanii Yihowaan dhugaa akka isaaniif ta’u godha.
5 Buukleetii, Caaffata Qulqullaa’oo Guyyaa Guyyaadhaan Qoruu jedhamutti akka gaaritti gargaaramuudhaan, dhugaan irraa jalaan garaa ijoollee keessan keessa akka buluuf carraaqqii gootan Yihowaan isiniif haa eebbisu.