AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU
Buukleetii Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu Jedhamu Irraa Fayyadamaa Jirtuu?
Sochiin hafuuraa keessan yaadaa fi caqasa Kitaaba Qulqulluu buukleetii Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu jedhamu irra jiru dubbisuu kan dabalatu dhaa? Hin dabalatu taanaan, sochiiwwan hafuuraa guyyaa hundumaa gootan keessatti dabaluu hoo ni dandeessuu? Obboloonni tokko tokko guyyaa sana irratti yaadaa ooluu akka dandaʼaniif, caqasa guyyaa ganama ganama dubbisu. (Iya 1:8; Far 119:97) Caqasa guyyaa irraa caalaatti fayyadamuu kan dandeessan akkamitti? Yoomessa caqasichaa beekuuf yaada naannoo caqasichaa jiru dubbisaa. Seenaa Kitaaba Qulqulluu dhugaa buʼuuraa yaada dubbistan wajjin deemu tokko yaaduuf carraaqaa. Dhugaa buʼuuraa sanas jireenya keessan keessatti hojii irra oolchaa. Dubbiin Waaqayyoo murtoo keessan irratti dhiibbaa gaarii kan godhu yoo taʼe, jireenya keessan qajeelcha, akkasumas isin fayyada.—Far 119:105.
Miseensonni maatii Betʼel addunyaa maratti argaman saʼaatii cireetti buukleetii Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu jedhamu qoʼatu. Waggoota dhihoodhaa asitti haasaawwan achi irratti dhihaatan tokko tokko JW Biroodkaastingii jalaa kutaa SAGANTAAWWANII FI TAʼEEWWAN jedhu jalatti baʼaa jiru. Yeroo dhumaatiif haasaawwan kana kan ilaaltan yoomi? Tarii yaadni achi irra jiru yaada isin baayʼee barbaaddan taʼuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, seenaan Loox murtoo keessan irratti dhiibbaa gochuu kan dandaʼu akkamitti?
VIIDIYOO ADDUNYAA HIN JAALLATINAA (1YO 2:15) JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:
Waaqeffannaan Ganamaa kun dhugaa buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu isa kam irratti hundaaʼe?
Seenaan Loox addunyaas taʼe wantoota achi keessa jiran jaallachuun balaa akka qabu kan ibsu akkamitti?—Uma 13:12; 14:12; 19:3, 12, 13, 24-26
Addunyaas taʼe wantoota addunyaa keessa jiran utuu hin taʼin, Yihowaa akka jaallannu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?
Guyyaa guutuu Dubbii Waaqayyootiif iddoo guddaa akkan kennu argisiisuu kanan dandaʼu akkamitti?