Qophii Gaarii Gochuudhaan —Namootaaf Akka Yaaddan Argisiisaa
1 Tajaajilaaf akka gaariitti qophaa’uun namootaaf akka yaannu argisiisuuf nu gargaara. Akkamitti? Qophii gaarii gochuun, akkaataa dhiheenyaa keenyarratti dhiphachuu mannaa, nama haasofsiisnuuf xiyyeeffannaa kennuuf nu gargaara. Akkasumas sodaa keenya mo’uufi garaa guutuudhaan dubbachuuf nu gargaara. Haata’u malee, akkaataa dhiheenyaa bu’a qabeessa ta’e akkamitti qophaa’uu dandeenya?
2 Akkaataa Dhiheenyaa Haala Namotaa Wajjin Walsimuun Fayyadami: Akkaataa dhiheenyaa naannoo tajaajilaa keessaniif ta’u Tajaajila Mootummaa Amajjii 2006rraa filadhaatii jecha keessaniin akkamitti dubbachuu akka dandeessan irratti yaadaa. Achiis haala naannoo keessanii wajjin walsimuun fayyadamaa. Fakkeenyaaf, namoonni amantii ykn qomoo garabiraa qaban yeroo baay’ee kan isin mudatan yoo ta’e, karaa kamiin xiyyeeffannaasaanii harkisuu akka dandeessan yaadaa. Akkaataa dhiheenyaa keessan akka haala namoota argattaniitti jijjiiruun keessan, garaadhaa namootaaf akka yaaddan kan argisiisudha.—1 Qor. 9:22.
3 Akkaataa dhiheenyaa keessan yeroodhaa gara yerootti fooyyessaa. Keessumaa jechi jalqabarratti dubbatamu murteessaa waan ta’eef, deebii namoonni kennan qalbeeffadhaa. Dhimmi sun fedhiisaanii kakaaseeraa? Gaaffii keenyaaf deebii ni kennuu? Yoo ta’uu baate, hanga akkaataa dhiheenyaa bu’a qabeessa ta’e argattanitti yaalii godhaa.
4 Wantoota Yaadachuuf Gargaaran: Babal’istoonni baay’een yeroo balbala namootaarra ga’aan akkaataa dhiheenyaa qophaa’an yaadachuun itti ulfaata. Isinis rakkina akkasii yoo qabaattan, yaada seensaa tokko nama tokkoo wajjin shaakaltanii beektuu? Akkas gochuun yaannisaa akka ifa isiniif ta’uufi karaa salphaatti qabatamuu danda’uun dubbachuuf isin gargaara. Kana malees ilaalcha namoonni adda addaa qabaniif deebii kennuuf isin gargaara.
5 Wanti yaadachuuf nu gargaaru garabiraanimmoo, akkaataa dhiheenyaa dubbannu ilaalchisee yaadannoo gabaabaa qabachuudhaan utuu balbala namootaarra hin ga’in ilaaluudha. Warri tokko tokko yaadannoon akkasii, sodaa malee dubbachuufi namootaa wajjin akka gaariitti mari’achuu akka danda’an isaan gargaaruusaa dubbatu. Yaadawwan olitti ibsamaniin fayyadamnee qophii gaarii gochuun, namootaaf akka yaannu argisiisuufi akkaataa dhiheenyaa keenya fooyyessuudhaan misiraachoo kana lallabuuf nu gargaara.