Sagantaa Walga’ii Tajaajilaa
Torban Guraandhala 13 Jalqabu
Faarfannaa 80 (180)
Daq. 10: Beeksisa gumii. Akkaataawwan dhiheenyaa ful. 8rra jiranitti fayyadamuudhaan, Masaraan Eegumsaa Muddee 1fi Dammaqaan! Muddee 2005 akkamitti akka raabsaman kan argisiisu hojiin argisiisni akka dhihaatu godhi. Akkaataan dhiheenyaa tokko bakka namoonni baay’atanitti yommuu dhugaa ba’an kan argisiisu haata’u.
Daq. 10: Jaarmiyaa Yihowaa Wajjin Qixxee Adeemaa Jirtaa? Kitaaba Saba Fedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaa’e jedhamu ful. 7-10rratti hundaa’ee haasawaadhaan dhihaatu.
Daq. 25: “Waa’ee ‘Ifa Biyya Lafaa’ Warra Kaanitti Himaa.” Ilaaltuu olaanaa tajaajilaatiin kan dhihaatu. Maqaa obboloota qajeelchaa gargaaraa ta’uudhaan galmaa’anii beeksisi. Qophii dabalataa walga’ii tajaajila dirreetiif godhame dubbadhu. Miiltoo Tajaajila Mootummaa Guraandhala 2005 ful. 5rratti sagantaa qajeelchaa gargaaraa akka fakkeenyaatti kennamerraa yaada dabalataa dhiheessi.
Faarfannaa 74 (168) fi kadhannaa xumuraa.
Torban Guraandhala 20 Jalqabu
Faarfannaa 41 (89)
Daq. 10: Beeksisa gumii. Beeksisawwan Tajaajila Mootummaarraa filataman.
Daq. 15: “Lallabuuf Karaa Barbaadaa.” Babal’isaan(tuun) haala rakkisaa keessatti argamu(ttu) tokko carraa argatetti(ttetti) fayyadamuudhaan dhugaa ba’uuf haalasaa kan mijeesse(essite) akka dubbatu(ttu) afeeri.
Daq. 20: “Gargaarsa Yeroosaatti Argamu.” Jaarsaan kan dhihaatu. Saanduqa gaaffii Tajaajila Mootummaa Sadaasa 1998 fi Sadaasa 2000rraa yaada gabaabaa dabalii dhiheessi.
Faarfannaa 35 (79) fi kadhannaa xumuraa.
Torban Guraandhala 27 Jalqabu
Faarfannaa 93 (211)
Daq. 10: Beeksisa gumii. Gabaasa herregaafi buusii gumichi godheef xalayaa waajjirri damee barreesse dubbisi. Babal’istoonni gabaasa tajaajilaa ji’a Guraandhalaa akka deebisan yaadachiisi. Akkaataawwan dhiheenyaa ful. 8rra jiranitti ykn akkaataawwan dhiheenyaa naannoo keessaniif hojjetu kan birootti fayyadamuudhaan, Masaraan Eegumsaa Muddee 15 akkamitti akka raabsamu kan argisiisu hojiin argisiisni akka dhihaatu godhi.
Daq. 10: Akka gumichaaf barbaachisutti itti fayyadamaa
Daq. 25: Kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu jedhamu Akkamitti Akka Raabsinu. Ji’a Bitootessaatti kitaaba kana raabsina. Yaadawwan miiltoo Tajaajila Mootummaa Amajjii 2006, ful. 3-6rra jiranitti fayyadamuudhaan, akkaataawwan dhiheenyaa adda addaa naannichaaf mijaa’aa ta’an hojiin argisiisaan akka dhihaatan godhi. Dhaggeeffattoonni kitaaba haaraa kanaan fayyadamuudhaan muuxannoo isaan gammachiise, keessumaa qayyabannaa Macaafa Qulqulluu kan jalqabsiisan yoo jiraatan akka dubbatan godhi.
Faarfannaa 63(148) fi kadhannaa xumuraa.
Torban Bitootessa 6 Jalqabu
Faarfannaa 94 (212)
Daq. 10: Beeksisa gumii. Tiraaktonni qabatanii adeemuufis ta’e xiyyeeffannaa namootaa kan hawwatan waan ta’aniif: Yommuu manaa gara manaatti, bakka namoonni baay’inaan argamaniifi karaa alidilee ta’een dhugaa ba’uudhaaf nu gargaaru. Tiraaktii haaraa Rakkinni Hundi Yeroo Dhihootti Ni Bada! jedhamuun fayyadamuudhaan akkamitti maree jalqabuun akka danda’amu hojiin argisiisni tokko akka dhihaatu godhi. Caqasawwan fuula 2ffaa tiraaktichaarratti kallattiidhaan caqasaman keessaa tokko caqasi.
Daq. 15: “Qophii Gaarii Gochuudhaan—Namootaaf Akka Yaaddan Argisiisaa.” Babal’istoonni lama kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu jedhamu raabsuudhaaf yeroo qophaa’an kan argisiisu hojiin argisiisni gabaabaan akka dhihaatu godhi. Miiltoo Tajaajila Mootummaa Amajjii 2006rraa akkaataa dhiheenyaa filachuudhaan akkamitti jecha mataasaaniitiin dubbachuu akka danda’aniifi haala naannoo tajaajilaasaa wajjin walsimuun sirreeffama akkami akka godhan mari’atu. Achiis, akkaataa dhiheenyaasaanii akka shaakalan ibsuudhaan xumuru.
Daq. 20: “Wantoota Ilaalamanitti Fayyadamuudhaan Barsiisaa.” Waa’ee viidiyoowwan barreeffamicharratti caqasaman yommuu mari’attan, qolasaa itti argisiisuudhaan, viidiyoo kana ilaalchisee yaada achirra jiru tokko dubbisuudhaan qabiyyeesaa gabaabsii ibsi. Dhaggeeffattoota keessaa tajaajilasaaniirratti viidiyoon kan gargaaraman yoo jiraatan muuxannoo akka dubbatan gaafadhu.—Kitaaba Waggaa 1997, ful. 54 fi Kitaaba Waggaa 1995 ful. 50-51 ilaali.
Faarfannaa 29 (62) fi kadhannaa xumuraa.
[Miiljaleewwan]
Yaada seensaa daqiiqaa tokko hin guunneen erga jalqabdee booda, gaaffiifi deebiidhaan dhiheessi.