Lallabuuf Karaa Barbaadaa
1 Namoonni gumii Kiristiyaanaa keessatti argaman haala adda addaa keessaa kan walitti qabamanidha. Haata’u malee, Yihowaa jajachuuf murtoo gochuu keenyaan tokko taaneerra. (Far. 79:13) Dhibeen fayyaa yookiin rakkoon garabiraan misiraachicha labsuuf yaalii goonu yoo nu jalaa daangesse, lallabuuf karaa barbaaduu kan dandeenyu akkamitti?
2 Sochiiwwan Guyyaa Guyyaan Goonuun: Yesus yeroo hundumaa carraa argatuun gargaaramee namootaaf dhugaa ba’a ture. Bakka qaraxni itti qaraxamurra utuu darbuu Maatewosiif, utuu karaa adeemaa jiruu Zakewosiif, bakka aara galfachuuf taa’ettimmoo dubartii biyya Samaariyaatiif dhugaa ba’eera. (Mat. 9:9; Luq. 19:1-5; Yoh. 4:6-10) Nutis haaluma walfakkaatuun haasaa keenya malaan gara maree Macaafa Qulqulluutti geddaruudhaan dhugaa ba’uu ni dandeenya. Macaafa Qulqulluu, tiraaktiifi brooshuuroota qabachuun keenya waa’ee abdii keenyaa warra kaanitti himuuf qophaa’oo akka taanu nu jajjabeessa.—1 Phe. 3:15.
3 Haalli fayyaakee hirmaannaa tajaajila manaa gara manaatti gootu si jalaa daangesseeraa? Taanaan, ogeeyyii fayyaatiif yookiin namoota kaanii wajjin yeroo wal argitu dhugaa ba’uuf karaa barbaadi. (HoE. 28:30, 31) Haalli fayyaakee mana keessa akka ooltu kan si dirqisiisu yoo ta’e, bilbilaan ykn xalayaa barreessuudhaan dhugaa ba’uuf yaalii gootee beektaa? Obboleettiin tokko yeroo hundaa miseensota maatiishee warra hin amanneef xalayaa barreessiti turte. Xalayaasheerratti yaadawwan Macaafa Qulqulluu nama jajjabeessaniifi muuxannoowwan yeroo dhugaa baatu argatte ibsiti turte.
4 Bakka Hojiitti Yookiin Mana Barumsaatti: Kana malees, fedhiin Yihowaa jajuuf qabnu, sanyii dhugaa bakka hojiitti yookiin mana barumsaatti facaasuuf karaa akka barbaannu nu kakaasa. Babal’isaan umuriinsaa waggaa saddeet ta’e tokko, baatii (ji’a) ilaalchisee wanta barruulee Dammaqaarraa! dubbise bartoota kutaasaatti argamanitti hime. Barsiisaansaa odeeffannoo kana eessaa akka argate erga hubattee booda, Masaraa Eegumsaafi Dammaqaa! utuu walirraa hin kutin fudhachuu jalqabde. Bakka hojiitti, kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu jedhamu iddoo warri kaan arguu danda’an kaa’uun keenya, gaaffii akka gaafatan kan isaan taasisu yeroo ta’u, kunimmoo dhugaa ba’uuf karaa nuu banuu danda’a.
5 Sochii guyyaa guyyaadhaan gootu keessatti karaa itti dhugaa ba’uu dandeessu barbaaduu dandeessaa? Babal’istoonni dhibee fayyaa qaban tokko tokko naannoo manasaanii taa’uudhaan namoota karaarra darbaniif lallabuuf yaalii godhu. Yeroo hundaa hamma haalli keenya nuu heyyametti ‘aarsaa galataa Waaqayyoof dhiheessuuf’ yaalii haa goonu.—Ibr. 13:15.