LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 2/08 ful. 2
  • Sagantaa Walga’ii Tajaajilaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Sagantaa Walga’ii Tajaajilaa
  • Tajaajila Mootummaa—2008
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Torban Guraandhala 11 Jalqabu
  • Torban Guraandhala 18 Jalqabu
  • Torban Guraandhala 25 Jalqabu
  • Torban Bitootessa 3 Jalqabu
Tajaajila Mootummaa—2008
km 2/08 ful. 2

Sagantaa Walga’ii Tajaajilaa

Torban Guraandhala 11 Jalqabu

Faarfannaa 74 (168)

Daq. 10: Beeksisa gumii. Akkaataawwan dhiheenyaa ful. 8⁠rra jiranitti ykn naannoo keessaniif mijaa’aa ta’an kan biraatti fayyadamuudhaan, Masaraan Eegumsaa Amajjii 1fi Dammaqaan! Amajjii 2008 akkamitti akka raabsaman kan argisiisu hojiin argisiisni haa dhihaatu.

Daq. 15: Bakka Namni Barbaachisu Dhaqxee Ni Tajaajiltaa? Masaraa Eegumsaa Adoolessa 15, 2003, ful. 20⁠rratti hundaa’uudhaan haasawaafi maree dhaggeeffattootaa wajjin godhamu. Kitaaba Fedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaa’uu jedhamu ful. 111, key. 1 hanga ful. 112, key. 1⁠rra yaada jiru itti dabalii dhiheessi. Yeroo ammaa Itoophiyaa keessatti bakka dhaqamee lallabamee hin beeknetti lallabuuf duula geggeessaa jirruu wajjin wal qabsiisi. Babal’istoota bakka namni barbaachisu dhaqanii tajaajilaa jiraniif gaafannoo gabaabaa godhi. Rakkoowwan akkamii isaan mudataniiru? Rakkoowwan kana mo’uu kan danda’an akkamitti? Eebbawwan akkamii argatan?

Daq. 20: Namoonni Haaraan Tajaajilaa Ta’uutti Akka Guddataniif Gargaaraa. Yaada seensaa daqiiqaa tokko hin guunne erga dubbattee booda, gaaffilee qayyabannaa Masaraa Eegumsaa Muddee 1, 2005, ful. 31⁠rra jirutti fayyadamuudhaan gaaffiifi deebiidhaan irratti mari’adhaa. Keeyyata 18⁠rratti erga mari’attanii booda, babal’isaa haaraan tokko babal’isaa muuxannoo qabuu wajjin utuu tajaajiluu, namni inni haasofsiise tokko yeroo isa mormu kan argisiisu hojiin argisiisni haa dhihaatu. Deebii babal’isaan kun kennu utuu bu’aa hin godhatin namichi kun mareesaanii dhaaba. Erga mana namichaatii ba’anii booda babal’isaan muuxannoo qabu kun carraaqqii babal’isichi godheef onneerraa erga galateeffatee booda, gara fuulduraatti namoota maree dhaabsisuuf yaada kennaniif kitaaba Ragaa Dhiheessuu jedhamutti akkamitti fayyadamuu akka qabu itti argisiisa. Akkasumas yaadannoo akka gaariitti akkamitti akka qabatu itti argisiisa.

Faarfannaa 24 (50)

Torban Guraandhala 18 Jalqabu

Faarfannaa 76 (172)

Daq. 10: Beeksisa Gumii. Beeksisawwan Tajaajila Mootummaa keessaa filataman.

Daq. 10: Akka gumichaaf barbaachisutti itti fayyadamaa.

Daq. 25: “Ragaa Amantaa Cimaan Akka Jiru Argisiisu” Ilaaltuu olaanaa tajaajilaa gumiitiin kan dhihaatu. Wantoota gaarii gumichi bardheengaddaa raawwate irra deebi’uudhaan xumuri.

Faarfannaa 23 (48)

Torban Guraandhala 25 Jalqabu

Faarfannaa 36 (81)

Daq. 10: Beeksisa gumii. Babal’istoonni gabaasa tajaajila ji’a Guraandhalaa akka deebisan yaadachiisi. Gabaasa herregaafi buusii gumiin godheef xalayaan galateeffannaa waajjira dameerraa ergame yoo jiraate dubbisi. Waraqaa afeerriitti fayyadamuudhaan maatii tokko ykn ollaan Ayyaana Yaadannoorratti akka argaman yeroo afeeran kan argisiisu hojiin argisiisni haa dhihaatu.

Daq. 20: “Furicha Dinqisiifannaadhaan Yaadachuu.” Yeroo qabaannaan caqasoota yaannisaanii hin kaa’amnerratti dhaggeeffattoonni akka yaada kennan afeeri.

Daq. 15: Barreeffamoota Haaraa Raabsuuf Qophaa’uu. Maree dhaggeeffattootaa wajjin geggeeffamu. Waa’ee barruulee Masaraa Eegumsaa Amajjii 1fi Dammaqaa! Amajjii 2008, tokkoo tokkoosaanii gabaabsitee erga dubbattee booda, namoota naannoo tajaajilaasaanii keessatti argamaniif mataduree kamtu isaan hawwachuu akka danda’u, akkasumas maaliif qalbiisaanii akka hawwatu dhaggeeffattoonni yaada akka kennan afeeri. Barreeffamoota kana raabsuuf qabxiilee muraasa barruulee kanarraa itti fayyadamuu barbaadan dhaggeeffattoonni akka dubbatan afeeri. Maree jalqabuuf gaaffii akkamii gaafachuu dandeenya? Barreeffama kana keessaa caqasa kam dubbisuu qabna? Yaada dhaggeeffattoonni kennanitti fayyadamuudhaan, barruuleen kun akkamitti akka raabsaman kan argisiisu hojiin argisiisni haa dhihaatu.

Faarfannaa 59 (139)

Torban Bitootessa 3 Jalqabu

Faarfannaa 57 (136)

Daq. 10: Beeksisa gumii. Saanduqa “Yaadachiisawwan Ayyaana Yaadannoo Ilaalchisee Kennaman” jedhurraa qabxiilee ijoo ta’an irra deebi’i.

Daq. 20: Ji’a Bitootessaatti Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Jalqabsiisuuf Karoora Baafattaniittuu? Maree dhaggeeffattootaa wajjin godhamu. Bitootessatti kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu jedhamutti fayyadamuudhaan qayyabannaa jalqabsiisuuf karoora baafanna. Qabxiilee kitaaba kanarra jiraniifi kitaabicha adda taasisan irra deebi’i. Nama Ayyaana Yaadannoorratti akka argamuuf waraqaa afeerrii yeroo kennineefitti fedha argisiisee ture tokkoof, Bitootessa 22 booda manaa gara manaatti ennaa tajaajillu barruulee akkamitti akka raabsinuuf irratti mari’adhaa. Barbaachisummaa yaadannoo gaarii qabachuun qabu ibsi. (km 8/07 ful. 6; km 3/06 ful. 1, key. 3; km 1/06 ful. 3-6 ilaali.) Hojiin argisiisni tokko ykn lama haa dhihaatu.

Daq. 15: Deebii Yeroo Kennitan Macaafa Qulqulluutti Fayyadamaa. Kitaaba Mana Barumsaa ful. 143-144⁠rratti hundaa’uudhaan maree dhaggeeffattootaa wajjin godhamu. Gaaffii namoonni naannoo sanaa yeroo hedduu kaasan ilaalchisee, babal’isaan tokko Macaafa Qulqulluutti fayyadamee deebii si’a kennu kan argisiisu hojiin argisiisni gabaabaan haa dhihaatu.

Faarfannaa 54 (132)

[Miiljaleewwan]

Yaada seensaa daqiiqaa tokko hin guunneen jalqabamee gaaffiifi deebiidhaan kan dhihaatu.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi