Namoota Barruulee Kenninuuf Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Jalqabsiisuu Kan Dandeenyu Akkamitti?
1 Akkuma beekamu guyyaa Sanbadduraa tajaajilarratti barruulee Masaraa Eegumsaafi Dammaqaa! raabsina. Haata’u malee, kaayyoo namoota garaa qajeelaa qaban dhugaa barsiisuudhaaf qabnurratti kun tarkaanfii isa duraa qofadha. Kanatti aansee, yommuu deddeebii gaaffii goonu, kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu jedhu akkamitti akka raabsinuufi qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuu ilaalchisee yaadawwan tokko tokko dhihaataniiru. Yaada kana akka naannoo keessaniif ta’utti itti fayyadamuu dandeessu. Yaanni bu’a qabeessa ta’ee argattan yoo jiraate itti fayyadamuu dandeessu.
2 Yaada Seensaa Kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluutti Fayyadamaa: Yommuu deebitanii dhaqxan akkas jechuu dandeessu: “Barruuleen ani sii kenne Macaafa Qulqulluurratti kan xiyyeeffatanidha. Macaafa Qulqulluu dubbisuun faayidaa maalii akka qabu ilaali.” Isaayaas 48:17, 18; Yohannis 17:3 ykn caqasa yaada wal fakkaatu qabu gara biraa dubbisi. Achiis kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu namichatti argisiistee erga kenniteefii booda akkas jettee itti fufuu dandeessa:
◼ “Macaafni Qulqulluun waa’ee gara fuulduraatiif abdii amansiisaa nuu kenna.” Fuula 4fi 5 erga namichatti argisiistee booda akkas jedhii gaafadhu, “Abdiiwwan kana keessaa inni kam yommuu raawwatamu arguu barbaadda?” Fedhii qaba taanaan, yaada inni filaterratti hundaa’uudhaan boqonnaa dhimma kana ibsu keessaa keeyyata tokko ykn lama gabaabaatti mari’adhaa.
◼ Yookiinimmoo, “Macaafni Qulqulluun gaaffiiwwan baay’ee barbaachisaa ta’aniif deebii kenna” jechuu dandeessa. Fuula 6 erga itti argisiistee booda, gaaffiiwwan fuulicharraa gara gadii jiran keessaa isa kamiif deebii argachuu akka barbaadu gaafadhu. Boqonnaa deebiinsaa irratti argamu erga baastee booda, keeyyata tokko ykn lama gabaabaatti irratti mari’adhaa.
◼ Yookiinimmoo matadureewwan qabiyyee keessatti argaman itti argisiisuudhaan, qabiyyee sana keessaa waa’ee maalii baruu akka barbaadu gaafachuu dandeessa. Boqonnaa waa’ee dhimma kanaa dubbatu baasuudhaan qayyabannaan Macaafa Qulqulluu akkamitti akka geggeeffamu gabaabsii itti argisiisi.
3 Jalqabarratti Gaaffii Yeroo Deddeebii Gaaffii Gootan Deebistan Kaasaa: Karaan itti namicha qayyabannaadhaaf qopheessinu inni garabiraammoo, yeroo jalqabaarratti deddeebii gaaffiitiif haala mijeessuudha. Namichi erga barruulee fudhatee booda, gaaffii yeroo deddeebii gaaffii gooturratti mari’attan kaasi. Deddeebii gaaffii gochuuf qophii murtaa’e godhaa, akkasumas guyyaa beellama keessaniitti argamaa. (Mat. 5:37) Yommuu deebitanii dhaqxan gaaffii jalqabarratti dhiheessitan namicha yaadachiisaatii deebiisaa kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu jedhurraa dubbisuudhaan irratti mari’adhaa. Macaaficha kennaafiitii akka isin hordofu godhaa. Dhimma kana ilaalchisee fakkeenya muraasa haa ilaallu:
◼ Barruun raabsitan waa’ee manca’ina haala biyya lafaa kan dubbatu yoo ta’e, akkas jechuu dandeessu, “Waaqayyo lafa kanarratti jijjiirama akkamii fida? Yeroo ittaanutti deebii Macaafni Qulqulluun gaaffii kanaaf kennurratti mari’achuu dandeenya.” Yommuu deebitanii dhaqxan yaada fuula 4fi 5rra jirutti fayyadamaa. Yookiinimmoo “Balaan akka ga’u fedha Waaqayyootii?” jettanii gaafachuu dandeessu. Yommuu deddeebii gaaffii gootan yaada boqonnaa 1 keeyyata 7-8rra jiru namichatti argisiisaa.
◼ Barruun raabsitan waa’ee maatii kan ibsu yoo ta’e, utuu hin deemin gaaffii akkas jedhu gaafachuu dandeessu, “Jireenya maatii gammachiisaa gochuudhaaf miseensonni maatii hundi maal gochuu danda’u?” Yommuu deddeebii gaaffii gootan boqonnaa 14 keeyyata 4rratti mari’adhaa.
◼ Barruun raabsitan Macaafa Qulqulluutti maaliif amanuu akka qabnu kan ibsu yoo ta’e, yeroo ittaanutti mari’achuudhaaf gaaffii akkas jedhu dhiheessuu dandeessu, “Macaafni Qulqulluun waa’ee saayinsii kan inni dubbatu sirriidhaa?” Yommuu deddeebii gaaffii gootan boqonnaa 2 keeyyata 8rratti mari’adhaa.
4 Dhuma maree keessan hundaarratti, gaaffii maree ittaanurratti deebii kennuuf isin dandeessisu kaasaa. Sirriitti qayyabannaa gochuu jalqabdaniittu yoo ta’e, macaaficha jalqabumaa kaasaatii hamma dhumaatti qayyabsiisaa. Namichi kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu yoo fudhachuu baatehoo maal gochuu dandeessu? Barruulee isaa kennuufii Caaffata Qulqullaa’oorratti waliin mari’achuu keessan itti fufuu dandeessu. Fedhiisaa guddisaa yommuu deemtan, yeroo booda qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabuu danda’a.
5 Barruun Masaraa Eegumsaafi Dammaqaa! namni tokko Macaafni Qulqulluun maal akka barsiisu beekuuf isa kakaasuu danda’a. Kanaaf, namoota barruulee kennitaniifii wajjin qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabuuf carraaqqii addaa godhaa. Akkas gochuudhaan abboommii Yesus ‘isaan barsiisuudhaan bartoota koo godhaa!’ jedheef ni ajajamna.—Mat. 28:19, 20.
[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]
1. Barruulee yommuu raabsinu kaayyoon keenya maalidha?
2. Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuuf, yaada seensaa kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluurra jirutti fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti?
3. Barruulee dhimma (a) manca’ina haala biyya lafaa (b) waa’ee maatiifi (c) Macaafa Qulqulluutti amanuu kan qabnu maaliif akka ta’e irratti xiyyeeffatan erga raabsinee booda, qayyabannaa Macaafa Qulqulluu akkamitti jalqabuu dandeenya?
4. Abbaan manichaa kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu yoo fudhachuu baate maal gochuu dandeenya?
5. Namootaaf barruulee kennuu qofa utuu hin ta’iin, maal gochuufis carraaquu qabna?