Furicha Dinqisiifannaadhaan Yaadachuu
1 Kiristiyaanonni addunyaa mararra jiran, ajaja Yesus kabajuudhaan Sanbadduraa, Bitootessa 22, 2008 Ayyaana Yaadannoo du’a Yesus Kiristos kabajuuf walga’u. (Luq. 22:19; 1 Qor. 11:23-26) Dinqisiifannaan wanta waggaa 1,975 dura guyyaa kanatti raawwatameef qabnu kana akka goonu nu kakaasa. Yesus mukarratti fannifamuufi amanamaa ta’ee du’a gaddisiisaa du’uudhaan, maqaa Abbaasaa kan qulqulleesse yommuu ta’u, mormii Seexanni kaaseef deebii hunda caalu kenneera.—Iyo. 1:11; Fak. 27:11.
2 Dhiigni Yesus, ilmaan namootaa cubbamoo ta’an ijoollee Waaqayyoo akka ta’aniifi abdii Mootummaa samii keessatti Yesusii wajjin bulchuu akka qabaataniif kakuu haaraa hojiirra oolcheera. (Er. 31:31-34; Mar. 14:24) Kana malees, jaalalli Waaqayyo ilmaan namootaatiif qabu, akkuma Yesus Niqoodemosiif ibsee ture, yommuu inni Ilmasaa isa jaallatamaa aarsaa godhee kenne mul’ateera.—Yoh. 3:16.
3 Warra Kaan Afeeraa: Tajaajilli Mootummaa Amajjii, namoota beeknu yaadannootti qabachuudhaan dhuunfaatti akka isaan afeerru nu hubachiisee ture. Namoota yaadannoo keerratti galmeeffatte afeeruu jalqabdeettaa? Namoonni Ayyaanaa Yaadannoorratti akka argaman afeeruuf duula Bitootessa 1 jalqaburratti guutummaatti hirmaachuuf qophii gooteettaa? Namoonni ayyaana kanarratti argaman barumsa Caaffata Qulqullaa’aa furicharratti amantaa akka qabaatan isaan godhu argatu; kunimmoo jireenya barabaraatiif isaan qopheessa.—Rom. 10:17.
4 Kan isaanii danda’amu hundi warra afeerrii addaa kana fudhatanii dhufan miira ho’aadhaan simachuuf, dursanii bakka walga’iitti argamuuf karoorfachuu qabu. Yeroo baay’ee namoonni Ayyaana Yaadannoorratti argaman waan baay’ataniif, namoota haaraafi darbee darbee walga’iirratti argamaniif xiyyeeffannaa addaa kennuun keenya barbaachisaadha.
5 Of Qopheessaa: Buukleetiin Caaffata Qulqullaa’oo Guyyaa Guyyaan Qoruu—2008fi Kaalaandariin 2008, sagantaa dubbisa Macaafa Qulqulluu addaa Ayyaana Yaadannoo Bitootessa 17 jalqabu qabataniiru. Wantoota barbaachisaa jireenya Yesus lafarraa gara dhumaa keessatti raawwataman qoruun Ayyaana Yaadannoof yaada garaa keenyaa qopheessuuf nu gargaara. (Iz. 7:10) Seenaawwan Macaafa Qulqulluu kanarratti kadhannaadhaan xiinxaluun keenya, dinqisiifannaa jaalala Yihowaafi furii Ilmisaa nuuf dhiheesseef qabnu nuu guddisa.—Far. 143:5.
6 Ayyaanni Yaadannoo yommuu dhihaachaa dhufutti, ofii keenyas ta’e warra kaan ayyaana iddoo guddaa qabu kanarratti akka argaman of eeggannoodhaan haa qopheessinu. Furicha dinqisiifannaadhaan yaadachuun keenya, walitti dhufeenya Yihowaafi Ilmasaa wajjin qabnu nuu cimsa. (2 Qor. 5:14, 15) Akkasumas jaalala isaan fedhii ofii aarsaa gochuudhaan warra kaanitti argisiisan akka hordofnuuf nu kakaasa.—1 Yoh. 4:11.
[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]
1, 2. Furii dinqisiifannaadhaan yaadachuu kan qabnu maaliif?
3. Namoonni Ayyaana Yaadannoorratti argaman kan fayyadaman akkamitti?
4. Ayyaana Yaadannoorratti dursinee argamuu kan qabnu maaliif?
5. Ayyaana kanaaf of qopheessuu kan dandeessu akkamitti?
6. Dinqisiifannaa furichaaf qabnu guddifachuun keenya kan nu fayyadu akkamitti?