LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 11/09 ful. 2
  • “Hafuura Gubaa Qabaadhaa”

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • “Hafuura Gubaa Qabaadhaa”
  • Tajaajila Mootummaa—2009
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Tibba Ayyaana Yaadannoo Kanatti Hinaaffaa Yihowaa fi Yesus Qaban Ni Argisiistuu?
    Tajaajila Mootummaa—2015
  • ‘Hojii Gaariidhaaf Hinaaffaa’ Qabaadhaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2013
  • Guutummaatti Kiristos Duukaa Buʼaa Jirtuu?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2010
  • “Yeroon Jaallatamee Fudhatame Amma”
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2010
Tajaajila Mootummaa—2009
km 11/09 ful. 2

“Hafuura Gubaa Qabaadhaa”

1. Tajaajila keenya amala akkamiitiin raawwachuu qabna?

1 Bifni tajaajila Kiristiyaanummaa keenyaa kamiyyuu qabbanaa’uu hin qabu. Kanaa mannaa, “Hafuuraa gubaa qabaadhaa. Gooftichaafis of irraa bu’aa hojjedhaa!” jedhamne jajjabeeffamneerra. (Rom. 12:11) Haata’u malee, wantoonni inaaffaa tajaajilaaf qabnu nu jalaa qabbaneessuu danda’an baay’een jiru. Tajaajilaa Mootummaa Waaqayyootiif hinaaffaafi fedhii tajaajilaaf qabnu ‘akka ibiddaatti qabsiisuu’ kan dandeenyu akkamitti?—2 Xim. 1:6, 7.

2. Qayyabannaan Macaafa Qulqulluu dhuunfaa gochuun, hinaaffaadhaan tajaajiluu wajjin waltti dhufeenya maalii qaba?

2 Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Dhuunfaa: Namni tokko hojii Mootummaa Waaqayyoo lallabuurratti bu’a qabeessa ta’uuf, seera Waaqayyoo jaallachuufi dhugaa achirra jirurratti guutummaatti kan amanu ta’uu qaba. (Far. 119:97) Dhugaawwan qayyabannaa Macaafa Qulqulluu dhuunfaa yommuu goonu argannu, garaa keenya hojiidhaaf kan kakaasan ta’uusaanirrayyuu, inaaffaa keenya akka guddatu godhu. Jaalalli, Isa Madda dhugaa ta’e kanaaf qabnuufi fedhiin dhugaa kana namoota kaaniitti himuuf qabnu, Waaqayyoon galateeffachuufi maqaasaa ifatti lallabuuf nu kakaasa. (Ibr. 13:15) Misiraachichaa hinaaffaadhaan lallabuun keenya, ergaasaatiif dinqisiifannaa guddaa akka qabnu agarsiisa.

3. Hafuurri Waaqayyoo tajaajila keenyarratti kan nu gargaaruu danda’u akkamitti?

3 Hafuura Waaqayyoo Argachuuf Kadhadhaa: Tajaajila bu’a qabeessa ta’e raawwachuu kan dandeenyu humna keenyaan miti. Inaaffaa dhugaa qabaachuu kan dandeenyu, hafuurri Waaqayyoo gufannaa tokko malee nurratti akka hojjetu yoo goonedha. (1 Phe. 4:11) Waaqayyoo isa guddaa “humna-qabeessa” ta’etti yoo dhihaanne, jabina hafuuraa ija jabinaan lallabuuf nu dandeessisu arganna. (Isa. 40:26, 29-31) Phaawulos ergamtichi yeroo tajaajilarratti rakkoon isa mudatee turetti, ‘Waaqayyoo isa gargaarraan jabaatee dhaabateera.’ (HoE. 26:21, 22) Yihowaan tajaajilarratti inaaffaa akka qabaannuuf hafuura qulqulluusaatiin waan nu jajjabeessuuf, hafuura kana argachuuf kadhachuu qabna.—Luq. 11:9-13.

4. Hinaaffaa argisiisuun bu’aa akkamii argamsiisuu danda’a? Wanti of eeggannoo irratti gochuu qabnuhoo maalidha?

4 Mootummaa Waaqayyoo inaaffaa guddaadhaan lallabuun Kiristiyaanonni kaanis inaaffaa guddaa akka qabaatan godha. (2 Qor. 9:2) Naannoo tajaajilaa keessatti, namoonni irra caalaatti ergaa miira ho’aafi amantii guutuudhaan dubbatamu dhaggeeffachuuf fedhii qabaatu. Haata’u malee, inaaffaa argisiisuu malees tooftaalee addaddaa fayyadamuufi gaarummaa argisiisuu qabna. (Tit. 3:2) Yeroo hundumaa nama haasofsiisnu sana kabajuufi mirga filachuuf qabu eeguufii qabna.

5. Gorsa geggeessaa hafuura qulqulluutiin nuuf kenname kam hojjiirra oolchuuf carraaquu qabna?

5 Labsitoota Mootummichaa waan taaneef yeroo hundumaa ‘hafuura gubaa haa qabaannu.’ Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu dhuunfaa gochuufi Yihowaa isa hafuura qulqulluu nuu kennuu danda’utti kadhannaa dhiheessuudhaan inaaffaa keenya haa guddifannu. Akkas kan goonu taanaan, tajaajila keenya hinaaffaadhaan, “hafuura qulqulluudhaan akkasumas amansiisa guutuudhaan” raawwachuu dandeenya.—1 Tas. 1:5.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi