LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 4/10 ful. 1
  • Karaa Nama Amansiisuun Barsiisaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Karaa Nama Amansiisuun Barsiisaa
  • Tajaajila Mootummaa—2010
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Caqasoota Sirriitti Ibsuu
    Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
  • Dubbii Waaqayyoo Ni Deggertuu?
    Tajaajila Mootummaa—2007
  • ‘Billaa Hafuuraa’ Akka Gaariitti Itti Fayyadamaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2010
  • “Dubbiin Waaqayyoo . . . Humna Qabeessa Dha”
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2017
Dabalataan Ilaaluuf
Tajaajila Mootummaa—2010
km 4/10 ful. 1

Karaa Nama Amansiisuun Barsiisaa

1 Tajaajiltoonni bu’a qabeeyyiin akka Phaawulos ergamaa jiran, ‘dubbicha isa dhugaadhaan qajeeltootti hojjechuu’ jechuun Caaffata Qulqullaa’oo caqasuu qofa akka hin taane ni hubatu. (2 Xim. 2:15) Yommuu barsiisnu Dubbii Waaqayyootti fayyadamuudhaan, ‘amansiisuu’ kan dandeenyu akkamitti?—HoE. 28:23, NW.

2 Wanta Dubbiin Waaqayyoo Jedhu Itti Argisiisaa: Tokkoffaa, Macaafni Qulqulluun ogummaa Waaqayyoo kan qabate ta’uusaa akka hubatu karaa godhuun isarratti akka xiyyeeffatu godhaa. Dubbii Waaqayyoorratti amanannaa qabaachuun keenya, namni nu dhaggeeffatu caqasa isaaf dubbisnu xiyyeeffannaadhaan akka dhaggeeffatu isa kakaasuu danda’a. (Ibr. 4:12) Salphaadhumatti akkas jechuu dandeenya: “Yaanni Waaqayyo dhimma kanarratti qabu maal akka ta’e beekuun faayidaa akka qabu hubadheera. Wanta Macaafni Qulqulluun jedhu hubadhu.” Hamma danda’ametti kallattiidhaan Macaafa Qulqulluu baasaatii isarraa dubbisaa.

3 Lammaffaa, caqasa dubbistan ibsaa. Namoonni baay’een, caqasa yeroo jalqabaatiif dubbisan tokko hubachuun isaanitti ulfaata. Yeroo baay’ee caqasichi dhimmaa irratti mari’atamaa jiruu wajjin walitti dhufeenya maalii akka qabu ibsuun barbaachisaadha. (Luq. 24:26, 27) Yaada ijoo ta’e adda baasaa ibsaa. Gaaffii gaafachuun qabxicha sirriitti hubachuuf dhiisuusaa mirkaneessuuf isin gargaaruu danda’a.—Fak. 20:5; HoE. 8:30.

4 Akkamitti Akka Hojiirra Oolu Ibsaa: Sadaffaa, sammuufi garaasaa tuquuf yaalaa. Caqasichi dhuunfaatti akkamitti akka isa ilaallatu akka hubatu gargaaraa. Caaffata Qulqullaa’oorraa caqasanii mariisisuun namni tokko yaadasaa akka jijjiiru isa amansiisuu danda’a. (HoE. 17:2-4; 19:8) Fakkeenyaaf, Faarfannaa 83:18, [NW] erga dubbifnee booda, maqaa nama tokkoo baruun isaa wajjin dhuunfaatti walitti dhufeenya uumuuf hangam barbaachisaa akka ta’e ibsuu dandeenya. Achiis tarii akkas jennee gaafachuu dandeenya, “Maqaa Waaqayyoo beekuun, kadhannaakee caalaatti bu’a qabeessa akka ta’u kan godhu sitti fakkaataa?” Haala kanaan, caqasicha jireenya namichaa wajjin wal qabsiisuun, faayidaa barumsichaa akka hubatu isa taasisa. Namoota garaa qajeelaa qaban karaa nama amansiisuun Dubbii Waaqayyoo barsiisuun, Waaqa dhugaafi jiraataa kan ta’e Yihowaa akka waaqeffatan isaan harkisuu danda’a.—Er. 10:10.

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

1. Dubbii Waaqayyoo karaa bu’a qabeessa ta’een tajaajilarratti fayyadamuun yeroo baay’ee maal dabalata?

2. Namoonni dinqisiifannaa Dubbii Waaqayyoof qaban akka guddifatan gochuu kan dandeenyu akkamitti?

3. Caqasa tokko erga dubbisnee booda, yaadasaa akka hubatan gargaaruuf maal gochuutu danda’ama?

4. Karaa nama amansiisuun barsiisuuf tarkaanfiin barbaachisaan inni dhumaa maalidha?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi