Tibbi Ayyaana Yaadannoo Hirmaannaa Tajaajilaa Guddifachuuf Gargaara!
1. Jiʼoota Bitootessa, Eblaafi Caamsaatti sababiiwwan hirmaannaa tajaajilarratti goonu akka guddisnu nu kakaasan akkamii qabna?
1 Tibba Ayyaana Yaadannoo dhufutti hirmaannaa tajaajilarratti gootu guddisuu ni dandeessaa? Babalʼistoonni tokko tokko hojiisaaniirraa boqonnaa fudhachuudhaan ykn yeroo manni barumsaa cufamu yeroo tajaajilaaf itti fayyadaman argatu. Ayyaana Yaadannoo Ebla 17 kabajamuuf Ebla 2rraa jalqabee namoota fedha qaban afeeruudhaan duula adda taʼe kanarratti hirmaanna. Achiis, fedhii namoota ayyaana kanarratti argaman guddisuuf carraaqqii kan goonu siʼa taʼu, haasaa addaa torban Ebla 25 jalqabu dhihaaturratti akka argaman isaan afeerra. Dhugumayyuu jiʼoota Bitootessa, Eblaafi Caamsaatti sababiiwwan hedduu hirmaannaa tajaajilarratti goonu akka guddisnu nu kakaasan qabna.
2. Karaan tajaajilarratti caalaatti hirmaachuuf nama gargaaru inni tokko maalidha?
2 Qajeelchaa Gargaaraa Taʼuu: Karaan tajaajilarratti caalaatti hirmaachuuf nama gargaaru inni tokko qajeelchaa gargaaraa taʼuudha. Hundi keenya hojiin waan nutti baayʼatuuf, dursinee irratti yaaduufi sagantaa keenyarratti sirreeffama gochuun nu barbaachisa. (Fak. 21:5) Tarii hojiiwwan guyyaa guyyaadhaan hojjettu keessaa kanneen baayʼee barbaachiisaa hin taane guyyaa biraatti dabarsuu dandeessa. (Filp. 1:9-11) Galma qajeelchaa gargaaraa taʼuuf baafatte obboloota gumii keessatti argamanitti himuudhaan, isaanis sii wajjin qajeelchaa gargaaraa taʼuu akka barbaadan maaliif hin gaafattu?
3. Maatiiwwan caalaatti tajaajilarratti hirmaachuuf maal gochuu dandaʼu?
3 Waaqeffannaa Maatii galgalaa yeroo ittaanu godhattanirratti, maatiidhaan galmawwan baafattan kaastanii utuu irratti mariʼattanii gaariidha. (Fak. 15:22) Tarii miseensonni maatii kan wal gargaaran yoo taʼe, maaticha keessaa namni tokko ykn lama jiʼa tokko ykn sanaa oliif qajeelchaa gargaaraa taʼuu dandaʼa. Haataʼu malee, kana gochuu akka hin dandeenye yoo isinitti dhagaʼame maal gochuu dandeessu? Tarii maatiin keessan hirmaannaa tajaajilarratti godhu guddisuuf, yeroo gara galgalaa tokko tokko akkasumas guyyoota Sanbadduraafi Dilbataa tajaajilarratti yeroo dheeraa dabarsuu dandaʼa.
4. Tibba Ayyaana Yaadannootti hirmaannaa tajaajilarratti goonu guddisuun keenya eebbawwan akkamii nuuf argamsiisa?
4 Yihowaan carraaqqii isa tajaajiluuf goonu hunda kan hubatu yommuu taʼu, aarsaawwan nuti kaffallus ni dinqisiifata. (Ibr. 6:10) Gammachuun kan argamu Yihowaafi namoota kaaniif kennuudhaani. (1 Sen. 29:9; HoE 20:35) Isinoo tibba Ayyaana Yaadannootti hirmaannaa tajaajilarratti gootan guddisuudhaan, gammachuufi eebbawwan kanarraa argaman argachuu dandeessuu?