Akkaataa Dhiheenyaa
Jiʼa Caamsaa, Sanbadduraa Isa Jalqabaatti Qayyabanna Macaafa Qulqulluu Jalqabsiisuuf Gargaaru
“Waaqayyoorraa kan barannu maaliifi jettee gaafattee beektaa? [Hanga deebii kennutti eegi.] Kana ilaalchisee wanta Macaafni Qulqulluun jedhu kana hubadhu. [Ermiyaas 29:11 dubbisiif.] Matadureen Masaraa Eegumsaa Amajjii-Bitootessaa 2011, fuula 16rraa jalqabu Waaqayyorraa barachuu kan qabnu maaliif akka taʼe ibsa.”
Amajjii-Bitootessa
“Hundi keenya gammachuu argannee jiraachuu barbaanna. Qarshiin gammachuu kan nuuf argamsiisu sitti fakkaataa? [Hanga deebii kennutti eegi.] Barreessaan Macaafa Qulqulluu tokko waan xinnoo qabutti gammadee jiraachuu baratee ture. [Filiphisiiyus 4:11, 12 dubbisiif.] Barruun kun tarkaanfiiwwan gammachuu argachuuf barbaachisan shan Macaafa Qulqulluu keessatti argaman ibsa.”
Dammaqaa! Caamsaa
“Namoonni tokko tokko ilmaan namootaa bineensota gurguddaarraa jijjiiramanii dhufan. Atoo maal jettee yaadda? [Hanga deebii kennutti eegi. Achiis Faarfannaa 139:14 dubbisi.] Faarfatichi qaama ilmaan namootaa dinqisiisaa taʼan ilaalchisee beekumsi inni qabu muraasa akka ture beekamaadha. Barruun kun wanta bineensotarraa adda nu godhu dabalate wanta yeroo ammaatti beeknu ibsa.”