Tajaajilarratti Obsa Qabaachuu Nu Barbaachisa
1. Yihowaan ilmaan namootaa wajjin haala walqabateen obsa kan argisiise akkamitti?
1 Waaqayyo ilmaan namootaa wajjin haala walqabateen obsa guddaa argisiiseera. (Bau. 34:6; Far. 106:41-45; 2 Phe. 3:9) Karaawwan Waaqayyo obsa itti argisiise keessaa inni guddaan, hojii lallabaa addunyaa maratti raawwatamaa jiru wajjin kan walqabatedha. Yihowaan ilmaan namootaatti gara waggoota 2,000 taʼaniif obsa kan argisiise siʼa taʼu, hanga yeroo ammaattis namoota garaa qajeelaa qaban ofitti harkisuusaa itti fufeera. (Yoh. 6:44) Tajaajilli keenya akkuma Yihowaa obsa akka qabnu kan argisiisu akkamitti?
2. Manaa gara manaa yeroo tajaajillu obsa argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?
2 Yeroo Manaa Gara Manaa Tajaajillutti: Bakka namoonni fedhii qaban hin jirretti ‘utuu gargar hin kutin’ lallabuudhaan akkuma Yihowaa obsa kan qabnu taʼuu keenya argisiisna. (HoE. 5:42) Dantaa dhabummaa, ceephoofi ariʼatama tajaajila keenyarratti nu mudatu hunda obsaan dandeenya. (Mar. 13:12, 13) Namoota fedhii qaban manatti argachuun yeroo rakkisaa taʼuttis, sanyii dhugaa facaasne bishaan obaasuu keenya itti fufuudhaan obsa akka qabnu argisiisna.
3. Deddeebii gaaffii yeroo goonuufi qayyabannaa Macaafa Qulqulluu yeroo geggeessinu obsi barbaachisaa kan taʼe maaliifi?
3 Yeroo Macaafa Qulqulluu Qayyabsiisnutti: Biqiltuu tokko guddisuun obsa gaafata. Biqiltuu sana kunuunsuu kan dandeenyu taʼus, guddinnisaa akka saffisu gochuu garuu hin dandeenyu. (Yaq. 5:7) Haaluma walfakkaatuun, guddinni hafuuraas irraa jalaafi sadarkaa sadarkaadhaan kan raawwatamudha. (Mar. 4:28) Namoonni qayyabsiisnu amantii ykn duudhaa Caaffata Qulqullaaʼoo wajjin wal faallessu dhiisuun isaanitti ulfaachuu dandaʼa. Yeroo kanatti, barataan keenya jijjiirama akka godhu dhiibbaa isarratti gochuudhaan guddinnisaa akka saffisu gochuuf yaaluu hin qabnu. Hafuurri qulqulluu garaa barataa sana keessatti akka hojjetu yeroo gaʼaa isaaf heyyamuun obsa gaafata.—1 Qor. 3:6, 7.
4. Obsi firoota keenyaaf karaa buʼa qabeessa taʼeen lallabuuf nu gargaaru kan dandaʼu akkamitti?
4 Yeroo Firoota Keenyaaf Lallabnutti: Firoonni keenya dhugaa akka beekan hawwii guddaa kan qabnu taʼus, yeroo mijaaʼaa waaʼee amantii keenyaa isaanitti himuuf nu dandeessisu eeguudhaan obsa argisiisna; kunimmoo takkaatti odeeffannoo hedduu isaanitti himuurraa of qusachuu gaafata. (Lal. 3:1, 7) Hammasitti garuu, fakkeenya isaaniif taʼuudhaan, arraba laafaafi nama safeeffachuudhaan waaʼee amantii keenya isaanitti himuuf yeroo hundumaa qophaaʼoo taʼuu qabna. (1 Phe. 3:1, 15, 16) Dhugumayyuu, tajaajilarratti obsa argisiisuun keenya baayʼee buʼa qabeessa taʼuusaarrayyuu, Abbaa keenya isa samii kan gammachiisudha.