Dhugaa Baʼuurraa Duubatti Hin Jedhin
1. Mana barumsaatti lallabuun maal gaafata? Maaliif?
1 Akka sitti hin qoosamne sodaattee mana barumsaatti dhugaa baʼuurraa duubatti jettee beektaa? Keessattuu qaanaʼaa yoo taate dubbachuuf ija jabinni si barbaachisa. Maaltu si gargaaruu dandaʼaree?
2. Mana barumsaatti lallabuun murtoo sirrii gochuu kan gaafatu akkamitti?
2 Murtoo Sirrii Godhi: Manni barumsaa akka naannoo tajaajilaa keetti ilaalamuu kan dandaʼu taʼus, akka yeroo manaa gara manaatti tajaajiltuutti nama kamiifiyyuu waaʼee Macaafa Qulqulluu kaasuun akka sirraa hin eegamne yaadadhu. Yoom dubbachuu akka qabdu murtoo sirrii godhi. (Lal. 3:1, 7) Tarii, mareen kutaa keessatti godhamu ykn assaayimantiin mana barumsaatti kennamu amantiikee ibsuuf carraa sii banuu dandaʼa. Yookiinimmoo ijoolleen sii wajjin baratan maaliif wantoota tokko tokkorratti akka hin hirmaanne si gaaffachuu dandaʼu. Kiristiyaanonni tokko tokko, Dhugaa Baatota Yihowaa akka taʼan, jalqaba waggaarratti barsiisotasaaniitti himu; akkasumas barreeffamoota waaʼee amantii keenyaa ibsan isaanii kennu. Kaanimmoo, ijoolleen wajjin baratan arganii gaaffii akka kaasan gochuuf minjaalasaaniirra barreeffama kaaʼu.
3. Mana barumsaatti dhugaa baʼuuf qophaaʼuu kan dandeessu akkamitti?
3 Qophaaʼaa Taʼi: Yoo qophoofte, amanannaan ofirratti qabdu ni guddata. (1 Phe. 3:15) Kanaaf, gaaffiiwwan kaʼuu dandaʼan tilmaamuuf yaaliitii akkamitti akka deebistu yaadi. (Fak. 15:28) Kan dandaʼamu yoo taʼe, yeroo barbaachisaa taʼetti irraa caqasuu akka dandeessu Macaafa Qulqulluukeefi barreeffamoota muraasa, kan akka kitaaba Ragaa Dhiheessuu, kitaaba Gaaffii Dargaggootaafi barreeffama waaʼee uumamaa dubbatu qabadhuu dhaqi. Waaqeffannaa maatii keessanirratti sagantaa shaakalaa akka qabaattan warrakee gaaffadhu.
4. Mana barumsaatii dhugaa baʼuukee itti fufuu kan qabdu maaliifi?
4 Deebii Gaarii Argachuu Akka Dandeessu Yaadi: Yeroo waaʼee dhugaa dubbattu hunda barattoonni akka sitti qoosan sitti hin dhagaʼamin. Isaan keessaa tokko tokko ija jabina keetiin dinqisiifamuufi si dhaggeeffachuullee dandaʼu. Taʼus, yoo namni tokkollee deebii gaarii sii kennuu baateyyuu abdii hin kutatin. Yihowaan carraaqqii keetti ni gammada. (Ibr. 13:15, 16) ‘Sodaa malee akka dubbattu’ akka si gargaaru isa kadhachuukee itti fufi. (HoE. 4:29; 2 Xim. 1:7, 8) Namni tokko yoo si dhaggeeffate akkamitti akka gammaddu yaadi. Tarii namni sun oolee bulee nama nuu wajjin Yihowaa tajaajilu taʼuu dandaʼa!