LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 11/11 ful. 1
  • Sanyiin Facaafame Akka Guddatu Bishaan Obaafmuu Qaba

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Sanyiin Facaafame Akka Guddatu Bishaan Obaafmuu Qaba
  • Tajaajila Mootummaa—2011
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Dandeettii Tajaajilarratti Qabnu Fooyyeffachuu—Namoota Fedhii Argisiisan Galmeeffachuu
    Tajaajila Mootummaa—2014
  • Dandeettii Tajaajilarratti Qabnu Fooyyeffachuu—Deddeebii Gaaffiitiif Buʼuura Kaaʼuu
    Tajaajila Mootummaa—2014
  • Namoota Fedhii Argisiisan Deebinee Gaafachuu Kan Qabnu Yoomi?
    Tajaajila Mootummaa—2009
  • “Deebiʼee Manatti Isa Argachuu Hin Dandeenye!”
    Tajaajila Mootummaa—2014
Dabalataan Ilaaluuf
Tajaajila Mootummaa—2011
km 11/11 ful. 1

Sanyiin Facaafame Akka Guddatu Bishaan Obaafmuu Qaba

1. Wanti akka guddatu bishaan obaafamuu qabu maalidha?

1 Sanyiin dhaabame tokko akka guddatu bishaan obaasuun barbaachisaadha. Haalli sanyii dhugaa garaa namoota naannoo tajaajilaa keenya jiranii keessatti facaafamees kanaa wajjin wal fakkaata. (1 Qor. 3:6) Sanyiin fakkeenyaan ibsame kun akka hidda godhatu, akka guddatuufi dagaagu yoo barbaanne, Dubbii Waaqayyootiin fayyadamnee deddeebii gaaffii gochuudhaan obaasuu qabna.

2. Deddeebii gaaffiidhaaf haala mijeessuu kan dandeenyu akkamitti?

2 Gaaffii Kaasi: Akkaataa dhiheenyaakee yommuu qophooftu, gaaffii fedhii kakaasuufi yeroo deebitee dhaqxu deebistuuf qopheessuu dandeessa. Gaafficha dhuma maree guyyaa jalqabaa gootaniirratti kaasiitii, deebiʼuuf beellama qabadhu. Obboloonni hedduun qayyabannaan Macaafa Qulqulluu akkamitti akka geggeeffamu argisiisuuf, yaada kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluurra jiru tokkotti fayyadamuun faayidaa akka qabu hubataniiru.

3. Nama fedhii qabu erga haasofsiistee booda waaʼee maaliifaa galmeeffachuu dandeessa?

3 Yaadannoo Qabadhu: Maree guyyaa jalqabaa booda, yerumasana yaadannoo qabadhu. Maqaafi teessoo namichaa galmeeffadhu. Guyyaafi saʼaatii namicha itti haasofsiiste, dhimma irratti mariʼattan, akkasumas barreeffamni kenniteef yoo jiraate barreessuunkee gaariidha. Amantiinsaa maal akka taʼe sitti himeeraa? Maatii qabaa? Fedhiisaafi wanta isa yaaddessu ibseeraa? Oddeeffannoo akkasii qabaachuunkee maree gara fuulduraa gootaniif si gargaara. Akkasumas yoom deebitee dhaquuf akka walii galteefi gaaffii deebisuufii qabdu barreeffadhu.

4. Nama fedhii qabu gargaaruuf abdii kutachuu kan hin qabne maaliifi?

4 Abdii Hin Kutatin: Seexanni “dubbicha” garaa namootaa keessatti facaafame ‘butachuuf’ carraaqqii gochuusaa hin dhiisu. (Mar. 4:14, 15) Kanaafuu, nama fedhii argisiise yoo deebitee manatti argachuu baatte abdii hin kutatin. Xalayaa erguufi ykn yaadannoo barreessitee balbala jalaan kaaʼuufii dandeessaa? Qajeelchituun tokko dubartii tokko balbala duratti qayyabannaa kan jalqabsiiste taʼuyyuu, sana booda ishee argachuu waan hin dandeenyeef xalayaa ergiteef. Dhumarratti obboleettiin kun yommuu manatti ishee argattu, dubartiin kun obboleettiin keenya dhuunfaatti isheedhaa yaaduusheetti garaanshee akka tuqame dubbatteetti. Sanyiiwwan dhugaa bishaan kan obaasnu yoo taʼe, yommuu biqilan, yommuu guddataniifi yommuu “kaan dachaa soddoma, kaan dachaa jaatama, kaanis dachaa dhibba ija godhatan” arguudhaan gammaduu dandeenya.—Mar. 4:20.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi