Weeb Saayitii Keenya—Tajaajila Keessan Irratti Itti Fayyadamaa
Namoonni Weeb Saayitii Kanatti Akka Fayyadaman Jajjabeessi: Namoonni nuu wajjin mariʼachuu ykn barreeffamoota keenya fudhachuu seesan tokko tokko, manasaanii taaʼuudhaan Weebsaayitii jw.org jedhamu ilaaluudhaan waaʼee Dhugaa Baatota Yihowaa baruuf fedhii qabaachuu dandaʼu. Kanaaf, carraa argattu hundatti fayyadamuudhaan waaʼee Weeb saayitii kanaa namootatti himi.
Gaaffiiwwaniif Deebii Kenni: Namni haasofsiistu, namni fedhii qabu ykn namni si beeku tokko, waaʼee Dhugaa Baatota Yihowaa ykn waaʼee amantii keenyaa gaaffii tokko si gaafachuu dandaʼa. Yeruma sana, Moobaayilii ykn Kompiitaratti fayyadamiitii Weeb saayitii keenyarraa deebii kenniif. Yeroo baayʼee caqasa achirra jiru kallattiidhaan Macaafa Qulqulluurraa dubbisuun gaarii taʼuu dandaʼa. Iddoo Intarneetiitti fayyadamuu hin dandeenyetti gaaffii gaafatamte taanaan garuu, gaaffii isaatiif deebii argachuuf Weeb saayitii jw.org jedhamu kanatti akkamitti akka fayyadamuu dandaʼu itti argisiisi.—Mataduree “Barumsa Macaafa Qulqulluu/Deebii Gaaffiiwwan Macaafa Qulqulluu” ykn “Waaʼee Keenya/Gaaffiiwwan Yeroo Baayʼee Gaafataman” jedhu ilaali.
Nama Beektu Tokkoof Barreeffama Ykn Barreeffama Sana Keessaa Mataduree Tokko Ergi: Barreeffama bifa PDF ykn bifa EPUBtiin garagalfatte iimeeliidhaan ergiif. Yookiin barreeffama sagaleedhaan waraabamee qophaaʼe Siidiirratti garagalchi. Kitaaba, birooshura ykn barruu sagaleedhaan qophaaʼe kana nama hin cuuphamne tokkoof yommuu kennitu akka barreeffamoota raabsiteetti gabaasuu dandeessa. Barreeffamoonni teessoo utuu hin barreessin ykn baayʼinaan ergamuu hin qaban. Intarneetii garabiraarratti feʼamuu hin qabu.—Mataduree “Barreeffamoota” jedhu ilaali.
Dhugaa Baatota Yihowaa Ilaalchisee Oduu Haaraa Intarneetiirratti Baʼe Itti Argisiisi: Akkas gochuunkee, dinqisiifannaan namoonni Macaafa Qulqulluu qayyabataniifi namoonni kaan hojii keenya addunyaa maraatiifi tokkummaa Kiristiyaanummaa keenyaaf qaban akka guddatu godha. (Far. 133:1)—Mataduree “Oduu” jedhu ilaali.
[Diiyaagraamii fuula 5rra jiru]
(Odeeffannoo guutuu argachuuf, barruu kana ilaali)
Yaali
1 Mataduree “Barreeffamoota” jedhu jalaa barreeffama garagalfachuu barbaaddu baasiitii barreeffamaan ykn sagaleedhaan garagalafadhu.
2 Mataduree achirra jiru tokko tokkoon banachuuf isa “MP3” jedhutti buʼi. Garagalfachuuf ykn ▸ Intarneetiirratti dhaggeeffachuuf matadureesaatti buʼi.
3 Barreeffama afaan garabiraatiin qophaaʼe garagalfachuuf afaan barbaadde sana filadhu.