Weeb Saayitii Keenya—Nama Afaan Kan Biraa Dubbatu Gargaaruuf Itti Fayyadamaa
Weeb Saayitii Keenya Itti Argisiisi: Baafata “Baafata Afaanii” jedhutti fayyadamuudhaan afaansaatiin Weebsaayitii keenyatti akkamiiti akka fayyadamuu dandaʼu itti argisiisi. (Afaan tokko tokkon Weeb saayitiin keenya odeeffannoo muraasa qofa kan qabatedha.)
Toora Intarneetii Afaansaatiin Qophaaʼe Itti Argisiisi: Toora Intarneetii keenyarraa, barreeffamoota kanneen akka kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluufi tiraaktii Dhugaasaa Beekuu Barbaaddaa? jedhaman bani. Toora “. . .rraa Dubbisi” jedhu jala dhaqiitii afaan namni ati haasofsiisaa jirtu sun dubbatu filadhu.
Barreeffama Sagaleedhaan Qophaaʼe Akka Dhaggeeffatu Godhi: Matadureen sagaleedhaan qophaaʼeefi afaan namni ati haasofsiisaa jirtu sun dubbatuun baʼe jiraannaan baniitii isa dhaggeeffachiisi. Afaan kan biraa barachaa jirta yoo taʼe, dandeettiikee fooyyessuuf barreeffama sagaleedhaan waraabame dhaggeeffadhu.—Mataduree “Barreeffamoota/Kitaabotaafi Birooshuroota” ykn “Barreeffamoota/Barruulee” jedhu ilaali.
Namoota Gurrisaanii Hin Dhageenyeef Dhugaa Baʼi: Tajaajilarratti nama gurrisaa hin dhageenye yoo argatte, Macaafa Qulqulluu, kitaaba, birooshura ykn tiraaktii afaan mallattootiin qophaaʼe keessaa boqonnaa tokko itti argisiisi.—Mataduree, “Barreeffamoota/Afaan Mallattoo” jedhu ilaali.
[Diyaagraamii fuula 6rra jiru]
(Odeeffannoo guutuu argachuuf, barruu kana ilaali)
Yaali
1 Barreeffamoota sagaleedhaan qophaaʼan (afaan ati dubbatuun qophaaʼeera yoo taʼe) garagalfachuuf ykn “Filannaawwan Garagalfachuuf Gargaaran” keessaa isa tokko ▸ tuqi.
2 Baafata “. . .rraa Dubbisi” jedhu jalaa afaan kan biraa filachuudhaan toora Intarneetii kana afaansaatiin itti argisiisi.
3 Boqonnaa ykn mataduree itti aanu dubbisuuf isa “Itti Fufi” ykn “Baafata Mataduree” jedhutti buʼi.