Dandeettii Tajaajilarratti Qabnu Fooyyeffachuu—Namoota Fedhii Argisiisan Galmeeffachuu
“Ati ofii kee, barsiisa kees eeggadhu.” (1 Xim. 4:16) Gorsi Phaawulos ergamaan geggeessaa hafuuraatiin kenne kun, haaraas taane mana dhugaa keessa kan turre, guddina argisiisuuf carraaqqii gochuu akka qabnu argisiisa. Akkas gochuuf akka nu gargaarutti, mata dureen “Dandeettii Tajaajilarratti Qabnu Fooyyeffachuu” jedhu Tajaajila Mootummaarratti walitti aansuudhaan ni baʼa. Tokkoon tokkoo mataduree kanaa, dandeettii baayʼee barbaachisaa taʼeefi yaada dandeettii kana akkamitti guddifachuu akka dandeenyu ibsu ni qabaata. Jiʼa sana keessatti, hundumtuu yaada ibsame sanaaf xiyyeeffannaa addaa akka kennan jajjabeessina. Jiʼi sun erga xumuramee booda, kutaan walgaʼii tajaajilaa faayidaa dandeettii sanarratti xiyyeeffachuu keenyaan argannee dubbachuuf carraa nuu kennu ni jiraata. Jiʼa kanatti, namoota fedhii argisiisan galmeessuurratti xiyyeeffanna.
Barbaachisaa Kan Taʼe Maaliifi? Hojii lallabaa keenya galmaan gaʼuuf lallabuun qofti gaʼaa miti. Namoota fedhii argisiisan deebinee gaafachuufi barsiisuu, jechuunis sanyii dhugaa facaasne bishaan obaasuu qabna. (Mat. 28:19, 20; 1 Qor. 3:6-9) Kana gochuufimmoo, nama sana deebinee argachuu, wantoota isa yaaddessanirratti isaa wajjin mariʼachuufi marii kanaan dura jalqabnee ture itti fufuu nu barbaachisa. Kanaafuu, nama fedhii qabu yommuu argannu, yaadannoorratti galmeeffachuun keenya barbaachisaadha.
Kana Gochuu Kan Dandeenyu Akkamitti?
• Namoota fedhii qaban galmeeffachuu akka dandeessuuf, meeshaalee si barbaachisan qabachuukee mirkaneeffadhu. Yaadannoonkee qulqulluu, sirriitti kan qindaaʼee taʼuufi haareffamuu qaba. Nama sana haasofsiistee akkuma xumurteen yaadannoo qabadhu.
• Odeeffannoo waaʼee nama haasofsiiste sanaa ibsu galmeeffadhu. Maqaasaa, teessoosaa jechuunis, bakka jireenyaasaa, lakkoofsa bilbilaa ykn iimeeliisaa galmeeffadhu. Waaʼeesaafi waaʼee maatiisaa wanti ati hubatte jiraa?
• Yaada irratti mariʼattan sirriitti galmeeffadhu. Caqasa kam dubbisteef? Amantiisaa ilaalchisee maal siin jedhe? Barreeffama kam kenniteef? Saʼaatiifi guyyaa itti isa haasofsiiste galmeeffadhu.
• Yeroo ittaanutti maal gochuu akka yaaddes galmeeffadhu. Maalirratti mariʼachuuf beellama qabattan? Beellamni keessanoo yoomi?
• Erga deebitee isa gaafattee booda yeroo hunda yaadannookee haaromsuun barbaachisaadha. Oddeeffannoo si barbaachisu caalaa yoo barreessites rakkina hin qabu.
Jiʼa Kanatti Akkas Gochuuf Yaali:
• Yaadannoo keerratti yeroo galmeeffattu wanta barreessaa jirtu nama sii wajjin tajaajilaa jirutti himi.